Waaqayyo Nama Isaa ni kabaja!

Ati nama Waaqayyoo ta'uu of shaakalchiisi. Inni immoo waan nama Isaa taateef si kabajaa! Waaqayyo namoota Isa dhaga'anii fi Isaaf abboomaman, namoota immoo dhimma isaanii hundumaatiif Isa amanatan raawwatee hin gatu.

Seenaan Abrihaam isa kana sirriitti nuuf mirkaneessa.
 
Abrihaam Waaqayyoon dhaga'ee waan itti maxxanee fi hirkatee ture hundumaattii adda of baase.Qannoo fi gammachuu biyya ofii isaa keessa jiraachuu, Lammii ofii isaa gidduu jiraachuu,akkasumas mana abbaa isaa keessa jiraachuu irraa argachuu danda'u hunumaa Sagalee Waaqayyootiif jedhee dhiisee adeeme.
 
Yeroo baay'ee waan shaakalanii fi keessatti guddatan tokko dhiisuun gatii nama baasisuu fi annisaa nama gaafatu qaba. salphaa miti jechuu kiyya.
 
Abrihaam, egaa, abboomamuu dubbii fi jajaja Waaqayyo biraa isaaf dhufeef godhe irraa kan ka'e, waantoota nama mararan, yookiis jireenya isaa keessatti sona/gatii guddaa qaban akkasii dhiisee adeeme (Uum.12:1-).
 
Wantoota jireenyaaf nama barbaachisu jedhamanii yaadaman Waaqayyoof jedhanii dhiisuun immoo matuma isaattuu, Waaqayyoon caalchisanii jaallachuu fi amanachuu jedhama.
 
Ati Waaqayyoon wantoota biroo hunduma irra caalchiftee ni jaallattaa? Ni amanatta immoo? [Deebii kee ofiif deebisi]. Ati akkas goota taanaan, akkuma Abrihaamiin jedhe, Waaqayyo har'a akkas siin jedha"Gatiin kee na biratti guddaa ni ta'a!" (Uum.15:1) Akkuma Daawwitiin jedhes, "Inni waan ana jaallattee anattis amanateef, ani immoo ulfinaan ol isa nan qaba!"(Faarsaa.91:14-15).
 
Seenaa keessatti namni Waaqayyootti balleessaa muruu danda'e, kan Isa adabee beekus hin jiru; gara fuula duraattis hin jiraatu. Kana jechuun immoo, Wanti Waaqayyo yaadee karoorsuu fi hojiirra oolchu martuu siirri dha jechuu dha!(Bahuu32:4; Nehi.9:33;Far.145:17;119:137-138;Mul.19:7) Kana irraa kan ka'es, Inni eeyyuun iyyuu hin sodaatu.
 
Kan baay'ee nama dinqisiisu garuu, Waaqayyo warra Isa dhaga'anii fi Isa amanatan ni kabaja. Yaadaa fi karoora Isaas isaanitti ni beeksisa (Uum.18:17;Far.25:14;Amos.3:7;Yoh.15:15). Inni fedhinnaa ofii Isaatiin isaaniif gaafatamummaa Isaa ni calaqqisiisa. Haaluma kanaanidha, kan Inni gara Abrihaam dhaqee, waa'ee murtii SOdomii fi Gamoraa irratti murteessee ture kan itti beeksise (Uum.18:17). Abirihaamiin gaddisiisuu, komachiisuu fi gaaffii itti uumsisuu hin barbaanne ture. Yoo Abrihaam, Waaqayyo irratti aangoo hin qabu ta'e iyyuu, Waaqayyo fedhee, dhoksaa waan gochuuf jedhuu isatti mul'ise. Abrihaamis hamma sababiin inni qabu harkaa dhumutti yaada Isaa geddarsiisuuf yaale. Haa ta'u iyyuu malee, yoo yaadi Abrihaam jedhu sirrii ta'eef, Abrihaam bira dhugaan yoo jiraateef, Waaqayyo yaada Isaa geddaruu akka danda'u illee itti himee ture. Rakkoon isaa garuu, Waaqayyo hamma Abrihaam beeku qofa beeka miti, isa Abrihaam argu qofaas arga miti. Waaqayyo gola hin arginee fi icciitii hin beekne hin qabu.
 
 
Aabbee, Waaqayyo si beeka! Waaqayyo naannoo kee beeka! Waaqayyo iyya kee ni arga. Akka ati hin miidhamneefis siif of ni eeggata. Atis garuu, Isaaf owwaadhu! Isa dhaggeeffadhu! Isaafis abboomami! Inni immoo gadi siif jedhaa!
 
Sagalee isaa keessatti, "Warra na kabajan nan kabaja, warri na tuffatan immoo ni tuffatamu" hin jennee ree?


Lallaba SDHn lakkifame kan biraa ilaaluuf/dhaggeeffachuuf http://www.sdhtek.000space.com

No comments:

Post a Comment