Akka cabbii in addaattu!



"Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu, diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu." jedha Waaqayyo. (Isa.1:18).

Mee Viidiyoo kana ilaalaatii yoo isin gargaare nama ni gargaara jettannii yaaddaniifis dabarsaa. Kun immoo isa Faarfataa Kabaa Fidoon "dhaamsa dhamsaan deema labsaa sagalee Gooftichaa isa abbaan moo'ichaa" jedhuu nu yaadachiisa.

Waaqayyo maal sitti dubbate?

Kottaa of yaadachiifnaa!




Gaaf tokko Eeliin dargaggeessa mana Waaqayyo keessa bulee sagalee dhaga’e tokko gaaffii ‘salphaa’ gaafate. ‘salaphaa’ waanan jedheef, isuma dhaga’an dubbachuu waan ta’eef. Gaaffii xiinxallii (analysis) barbaadu gaafate miti. “Waaqayyo maal siittti dubbatee?” jedheen. Namoonni Waaqayyo dubbii isaa booda akka jiru beekan yeroo hundumaa gaaffii kana gaafatu. “Waaqayyo maal jedhee?”

Of Dhokse malee Waaqayyo jira!

OF DHOKSE MALEE WAAQAYYO JIRA!
Waaqayyo dhgumaan waaqa of dhoksu dha. (Isa.45:15) Of dhoksa malee garuu Waaqayyo hin badne, hin badus. Inni jira. Namni gowwaan gatii Waaqayyo akka inni eegetti hin mul’atneef ogummaa mataa isaatiin barbaadee waan isa dhabeef—“hin jiru” jedha. “ Gowwaan garaa isaatti Waaqayyo hin jiru jedha” (Far 14:1; 53;1) Waarri Waaqayyoon dhugumaan beekan immoo Waaqayyoo of dhoksuu akka danda’u beeku. Garuu in kadhatu. Fakkeenyaaf Daawit, Far.44:24 irratti, “Ati maaliif fuula kee dhoksitaa?” jedha. Achitti warri kaan yeroo isaa fi warra isaa wajjin jiran hacuucan, yeroo innii fi warri isa fakkaatan immoo gadadaman, Waaqayyo cal jedhee ilaala. Ykn Waaqayyo maal hojjechaa fi dubbachaa akka jiru eenyu isaanii iyyuu hin dhaga’an. Warri hacuucanis itti fufanii hacuucu, warri hacuucamanis itti fufanii hacuucamaa jiru. Gaaffiin Daawwit akka warra kaanii, ‘Waaqayyotu dhibee’ miti. Garuu, maaliif of hin mul’iftuu dha. Jiraachuu isaa mamuuf garuu inni gowwaa hin turre.