Harka Isa Jabaa jalatti baqachuu!

Bara sodaachisutti harka Isa Jabaa jala lixuu!

Bara wanti hamaan baay’ee mul’atuu fi dhaga’amu, namni hundumtuu kallattii garagaraatiin waa’ee ofii isaa fi wabii (security) nagummaa offi isaa yaaduun waan hafu miti. Takka takka immoo, “amma hoo nan sodaadhe” yeroo itti jedhamu jira. Qilleensa’ee mana namoota baay’ee diigaa yeroo dhufu, raafamee bidiruu namoota baay’ee liqimsaa yeroo dhiyaatu, salphisaa fi gidirsaa yeroo dhufu, warri nuti silaa of oolchuu ni dand’u jennu of oolchuu dandahbanii yeroo arginu, “ani kana fuula duratti…” jechuutu jalqabama. Inni kun immoo dhaloota har’a jirru qofaa irra otuu hin ta’in namoota nu dura turan, gurguddoota namoota Waaqayyoo illee dabalatee qoraa kan ture dha.