“Yaa Waaqayyo Gooftaa! Sabni kee warri si barbaannu, warri si dheebonnu,; ati lubbbuu keenyaa, jireenya keenyaaf dhaloota keenyaafis ni barbaachifta jennee fuula Kee duratti dhiyaannee jirra. Ulfina kee isa guddaadhaan, Hafuura keetii fi dhiibbaa Waaqummaa keetiinis gidduu keenyatti akka argamtu si kadhanna, jaalala kee nuuf haa ta’u!
Anis dubbii Kee akka jaalala keetti
dubbachuu akkan danda’uuf ayyaanni kee naaf haa baay’atu! Ulfina hunduma isaa
immoo ati duwwaan fudhadhu. Maqaa Yasuusiin, Ameen!”
Kutaan irraa kaanee ilaallu
Maat.5:13-16
“Yesuus itti fufee, ‘Isiin soogidda lafaa ti; soogiddi garuu
minyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi’ee minyeeffama ree? Gad baafamee
gatamee, namni irra ejjetee balleessa malee, homaa tokkoofuu waa’ee hin baasu.
Isin ifa lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda’u,
homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa’u, baattuu ibsaa irra kaa’a malee,
ibsichi mana keessa kan jiran hunudmaa in ibsa. Namoonni hojii keessan isa
gaarii arganii, Abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif, ifni
keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!’ jedheen.”
Gooftaa keenya Yasuus Kiristoostu
kutaa kutaa kana keessatti dubbata. Baroota Isaa fi warra Isa hordofanittis
dubbata. Warra kan Isaa ta’anii barsiisi Isaa isaan biratti fudhatama qabaatee
jennaan itti amananii warra isa duukaa bu’anitti dubbata.
Ouu kutaa kana hin dubbatin dura, “Lallaba
Gaaraa irraa” isa jedhamu 5:1- kan
Gooftaan Yasuus gaara irratti ol ba’ee barsiise dha. Waan baay’ee erga dubbatee
booda, waa’ee amalaa: namni duukaa bu’u namni Waaqayyoo tokko amala akkamii
qabaachuun akka isa irra jiru irratti erga barsiisee booda, bifa ittiin amalli
namoota Waaqayyoo kun immoo ittiin baafamee mul’ifamu (calqisu) 5:13-14 irratti
barsiissa.
Amalloonni kun bifa lama qabu: kan
keessa namaa jiruu fi kan bakkeetti baafamee mul’ifamuu barbaadu. Innin keessa
namaa, hariiroo namaa fi Waaqayyo gidduu jiraatu irratti, akkamitti namni Waaqayyoon
gammachiisaa fi Waaqayyottis gammadaa jiraachuu akka danda’u ibsa.
Hariiroon keessaa kun jireenya namaa
keessatti ‘ifummaa’ fi ‘soogidduumaa’ uuma. Jechuunis wanta dhiibbaa fiduu
danda’u uuma. Dhiibbaan hariiroo keessaan uumame kun immoo dhokfamee taa’uun
irra hin jiraatu; baafamee mul’ifamuutu irra jiraata isa jedhu irratti Gooftaan
Yasuus barsiise --- soogiddaa fi ifatti fakkeessee.
Kan baay’ee nama dhibu asi irratti
Gooftaan Yasuus ‘soogidda ta’aa!’ hin jenne. Garuu ‘soogiddummaan keessan akka
dhabamu hin godhinaa!’ jedhe malee. Warri kaan soogiddummaa of keessaa
qabaachuuf gara Gooftaan dhuufuun dirqama isaan barbaachisa. Warri gara Gooftaa
dhufan garuu, jirreenyi ‘soogiddumaa’ ykn jireenyi dhiibbaa uumuu danda’u
ammaan dura iyyuu isaan keessatti jalqabee waan jiruuf, ‘jireenyichi akka inni
akka ta’utti mul’atee dhiibbaa akka dhufu barbaadamu fiduu danda’u godhaa ---
jireenya jiraadhaa!’ jedhee barsiise.
Amantoonni hundumtuu Gooftaa Wajjin
hariiroo waan qabaniif, jireenyi soogidduummaa inni dhibbaa uumuu danda’u isaan
keessatti uumameera. Kanaaf Gooftaan Yasuus jireenya nu keessatti uumamee jiru,
isa Isa irraa fudhanne --- barsiisa Isaa dhageenyee fi Isatti amanuudhaan isa
arganne kana—akka inni hojiidhaan mul’atu akka taasufnu nu gaafata.
Kanaaf, ‘soogiddummaa keessan hin
dhiisinaa!’ nuun jedha. Akka Yasuus dubbatutti, soogiddi soogiddummaa isaa yoo
dhiise, deebi’ee mi’eeffamuu hin danda’u. kana jechuun immoo soogidda ta’uu
isaatu hafe jechuu dha. wanti soogidda fakkaatu, garuu mi’aa of keessaa hin
qabne immoo dhagaa dha. Dhagaan immoo raawwattee bakka soogiddi barbaachisutti
hin barbaadamu; hojii soogiddummaas hojjechuu hin danda’u. kanaafuu, gadi
baafamee gatama; miillaanis irra ejjetama!
As kessatti ‘Soogiddi’ akka
fakkeenyaattii fidhatamee ti. Amalli soogiddaa akkuma beekamu: jireenya guyyaa
guyyaatti jiraannu keessatti soogiddi barbaachisaa dha. Nyaata keenya kamuu
keessatti hammi ta’e ni barbaachisa. Kanaaf, soogiddi yeroo hunduma
barbaachisa. Amantootas yeroo sogiddatti fakkeessu, Gooftaan Yasuus, isin biyya
lafaatiif ni barbaachiftu jechuu Isaa ti.
Soogiddi nyaata tursiisuuf ni
gargaara—akka hin tortorre gochuuf. Gooftaan Yasuusis yeroo ‘isin soogidda’
jedhu, ‘isin keessa hin jirtan taanaan, isin keessatti hin hojjettan taanaan…
biyyi lafaa ni baddi – foolii gaarii, amala gaarii, jireenya gaariis hin
godhattu ’ jechuu isaa ti. Kanaafuu, akka amanaa tokkootti, ija Waaqayyoo
duratti bakkaa fi itti gaafatamummaa guddaa qabda jechuudha. Ati warra kaan
jiraachisuuf ni barbaadamta!
Itti fufee Gooftaan Yasuus “ifa”tti
nu fakkeesse. Ifnii fi soogiddi akkaataa adda adda addaatti dhiibbaa uuma. Ifni
warra naanna’anii fi fagaatanii argamanitti mul’ata. Soogiddi immoo waan itti
bu’e, waan itti makame, dhandhama isaa
jijjiira. Ifni alaan yeroo dhiibbaa uumu, soogiddi keessa galee ti! Nus
hawaasaa fi namoota keessa oollu/ keessatti hojjennu keessattis dhiibbaa
gaarii—isa akka ulfina Waaqayyotti ta’e—uumuu dandeenya.
Dhiibbaa soogiddummaan/ifaan
walfakkeeffamu kana uumuun diqama nuti si’a tokko raawwannu utuu hin taane,
jireenya keenya dha. Jireenyi diraqamaa wajjin tokko miti. Dirqama itti
rakkatanii baasuu, jireenya garuu itti yaadaniis ta’e utuu itti hin yaadni ni
jiraatu! Egaa, warra wajin jiraannu, warra wajjin barannu, warra awajjin
hojjennu, warra wajjin oolu irratti dhiibbaa Waaqayyoof ulfina fichisiisu
uumuun kan keenya akka ta’e mul’isa kutaan kun.
Akka ifaatti immoo, warra fagoo
jiran, warra hojiidhaan malee nu arguu hin dandeenye, warra qunnamtii jabaa
illee waliin hin qabne irrattis hojjechuu ni dandeenya. Hojii gaariin yeroo
baay’ee of hima. Yoo yeroo inni hojjetame namni nu hin argine ta’e iyyuu, erga
hojjetamee booda, ‘eenyutu akana godhe?’ jedhamee gaafatamuun hin oolu!
Akkuma jalqaba irratti ilaallee
jiruu, soogiddummaas ta’e ifummaa kan nuti arganne Gooftaa wajjin hariiroo
qabnu irraa ti. Macaafni Qulqulluun, waa’ee Waaqayyoo yeroo dubbatu:
-
Waaqayyo
ifa dukkanni raawwatee isa bira hin jiru (1Yoh.1:5)
-
Waaqayyo
ifa homtuu itti dhiyaachuu hin dandeenye keessa jiraata (1Xim.6:16)
-
Waaqayyo
Abbaa Ifaa ti! (yaaq.1:17)
Dukkanni fakkeenya cuubbuu, fakkeenya
jal’inaa, karaa irraa kaachuu, du’aa,..ti. Ifni immoo fakkeenya gaarummaa,
qajeelummaa, qulqullummaa, dhugaa, tolaa, waan fudhatamaa fi hawwataa ta’ee ti.
Ifni Waan Waaqayyo illee itti fakkeeffame dha. Waaqayyos yeroo waan hundumaa
uumuu jalqabe, jecha dubbate keessaa inni duraa “Ifni haa ta’u!” kan jedhu dha
(Uum.1).
Kanaaf, ifni nuyi qabnu isa Waaqayyo
irraa arganne dha. Waaqayyoo wajjin yeroo jiraannu, ifni nu keessa guutaa deema
jechuu dha. Ifummaan keenyas ba’aa adeema. Museen gaafa gaara siinaa irra turee
dhufe, Waaqayyoo wajjin yeroo dabarsee (dubbatee) waan dhufeef, fuulli isaa hamma
namoonni illee ilaaluu sodaatanitti ni calqisa/ifa ture (Bahuu 34:29-33). Mee
amala sibiilonni yeroo maagineettiidhaan walitti dhufan agarsiisan yaadadhaa.
Sibiilli sun hamma maagineettii sanaa wajjin walitti rigataa/wal tuqee ture,
dandeettiin waa harkisuu isaa jabaata. Keessattuu, dhaabbataatti maagineettii
sanaan wal qabatee jira taanaan, dhaabbataatti dandeettii waa harkisuu waan
jireenya isaan faallaa ta’e immoo of irraa dhiibuu qabaata jechuu dha.
Nyuyis yeroo hunudmaa Waaqayyoo
wajjin hariiroo/waliiti dhufeenya gaarii qabaannee jennaan, yeroo hundumaa
ayyaan ittiin amala soogiddumma fi ifummaa naannoo keenya irratti fiduu ittiin
dandeenyu dhaabbataatti qabaanna jechuu dha.
Akka Macaafni Qulqulluun nu ajajutti,
nuyi yeroo hunda wangeela lallabbuun nu barbaachisa. Wangeellis yeroo hundumaa
nuun lallabamuu qaba. Wangeela immoo kan lallabuu dandeeny karaa lamaan: Dubbii
dhaa fi hojiidhaan(jireenyaan).
Waldaan Biiftuu Boolees sagantaa
ba’anii magaalaa qulqulleessuutiin wangeela lallabuu qindeessaa kan isheen
jirtuuf, isa kanaafi.
Gooftaan Yasuus, ibsaa keessan guuboo
jala otuu hin ta’in ol baasaatii iddoo hunduma duratti mul’atu kaa’aa jedhe.
Kunis waa’ee ifa isa ‘already’ of keessaa qabnu akka namoonni argan gochuu ti.
‘Ifa Waaqayyo irraa argatan ijoolleen Isaa akka baasanii mul’isan barbaaduun
jalqabumaa jalqabee iyyuu ‘agenda’ Waaqayyoo ti. Isa.60:1 “Ifni kee dhufeera,
ulfinni Waaqayyoos siif ba’eeraa tii, kanaafis ka’ii ibsi!” jedhee dubbata.
Egaa ergaan har’aa kun walumaa
galatti waa’e ka’anii mul’achuu ti.Waaqayyo akka nuyi kaanee ibsinu, akka nuyi
kaanee waa hojjennu barbaada.
Wangeelli guutuu dha. Waan hundumaa
of keessatti hammata, waan hundumaafis barbaachisaa dha. Sababiin isaa waan
hundumtuu Waaqayyoon ta’e, Isa malees kan uumame tokko illee hin jiru.
Far.24:1 irratti, “lafti fi wanti isa
keessa jiru hundumtuu kan Waaqayyo ti” jedha. (Bahuu 19:5;Iyob.41:11;
Far.50:12).
Seera Uumamaa 1 keessaatti Waaqayyo
uumama hundumaa: lafa, waaqa, ibsoota, bishaan, biqiloota, bineensota fi nama
gaafa uume dhuma irraatti, “Baay’ee gaarii!” akka ta’e arge jedha (1:31). Waan
baay’ee gaarii ta’ee isa duratti argame kanas namni akka bulchu, akka itti
fayyadamu, akka kunuunsuu fi akka eeguuf nama irratti muude (1:26-29; 2:15).
Kanaafuu, walumaa galatti naannoo
keenyaa (environment): biyyee, qilleensa, muka, bishaan, bineensota, biqilootaa
fi qabeenya uumamaa mara kunuunsuun itti gaafatamummaa Waaqayyo namatti kenne
dha. Dura Addaamitti kenne, inni immoo amma dhala namaa hunduma bakka bu’a.
Kanaaf nama soortuu godhee uumamaa irratti muude, Waaqayyo.
Gama biraadhaan immoo Waaqayyo
jiraachuu uumama hundumaa ni barbaada jechuu ni dandeenya. Waaqayyo namni qofti
akka jiraatu barbaada miti, yoo nama caalchisee fi ofitti aansee uume ta’e
iyyuu.
Waaqayyo akkaataa baay’ee nama
dinquttii fi akkaataa walxaxaa (complex) ta’etti, uumama uume hundumaa walitti
hidhee jira. Inni tokko isa kaan malee akka hin jiraannetti. Namni uumama
uumame irratti aboo kunuunsuu fi eeguu fudhate, garuu innis uumama kana malee
jiraachuu hin danda’u. Bishaan, biqilaa fi bineensonni hin jiran taanaan namnis
akka lafarra jiraachuu hin dandeenyetti uumame. Kana immoo Waaqayyotu godhe --
akka uumani uumame hunduu wal gargaaree fi waliin jiraatuuf. Kanaafuu, isa
tokko balleessuun isa kaan irrattis dhiibbaa uumuu ta’a.
Fakkeenyaaf, wahiyoon O2
jedhamu qilleessa keessa jiru yoo dhabame uumamni lubbuu qabu harki caalaan
jiraachuu dhaaba. CO2 hin jiru taanaan biqiloonni nyaata isaanii
qopheeffachuu hin danda’an. Kanneenii fi kan biros hamma isaanii eegee kan
qilleensa keessa kaa’e, namnii fi uumamni biroonis akka itti dhimma ba’anitti
sirna isaa kan diriirse Waaqayyoo dha. Waaqayyo ogeessa! [barumsa har’aa
keessatti hamma danda’ame technical terms warra jedhaman kanatti dhimma ba’uu
irraa of qusachuun yaa, garuu akka hubatamuufan kana kaase malee]
Egaa nuyi naannoo keenyaa fi qabeenya
uumamaan nuuf kenname hunda eeguun nu barbaachisa. Sababni isaa immoo:
-
Waaqayyotu
isaan uume
-
Abbaan
qabeenyummaa isaanii kan Waaqaayyoo ti
-
Waaqayyo
akka isaan jiraatan barbaada. Waan Waaqayyo jiraachuun isaa gaariidha jedhe
nummoo yoo balleessine, isa gaddisiisuun keenya hin oolu. Mitiiree?
Yoodhuma akka uumama harka keenyatti
kenname kunuunsuuf soortuu (stewards) taanee muudamen iyyuu, yoodhuma Waaqayyo
immoo uumamni jiran akka isaan eegaman barbaada ta’e iyyuu, haala qabatamaa
amma keessa jirruun kun ta’aa hin jiru. Naannoonis ta’ee qabeenyi uumamaa
miidhamaa jira.
Qilleensii fi bishaanni ni faalama;
biyyeen ni faalama, ni dhiqamas; gosti bineensootaa fi biqiloota baay’ee
dhabamsiifamaa jiru. Waaqayyo immoo kanatti hin gammadu. Kana immoo ajaja Inni
Nohiif nenne irraa arguu dandeenya.
Waaqayyo, sanyiiin/gosti bineensota bishaan badiisaa irraa ofiin hafuu
hin dandeenyee akka inni oolchuuf Nohiin ajaje (Uumama 6:19-22).
Kanaafuu, biqilootaa fi bineensota
badaa jiran/baduuf jiran kunuunsuun yaada Waaqayyoo tajaajiluu dha. Haa ta’u
iyyuu malee hojii namni hojjechaa jiruun qabeenyi uumamaa baay’een manca’aa
jira.
Ani ji’oota muraasa fuula dura biyya
Chaayinaan ture. Yeroon achi ture keessatti wanti guddaa na jibbisiisan keessaa
inni tokko, itti gammadee qilleensa
yeroon harkisuu dadhabu dha. Yeroon itti faalama qilleensaa irraa kan ka’e
namoonni baay’een afaanii fi funyaan isaaniitti haguuggatanii adeemantu jira.
Kun yeroodhuma dhiyoo illee miidiyaa irra akka ture baay’een keessan kan
argitan/dhageessanidha jedheen yaada. Isaanii fi biyyoon gurguddataa jiran
baay’een illee rakkoo akkasii xiqqeessuuf jecha, warshaalee gurguddoo gara
iddoo magaalaa keessaa ba’eettii fi gara biyyoota guddataa jiraniitti geessaa
jiru. (Nu bira faa fidaa jiru jechuudha!)
Egaa ani fakkeenyumaafan maqaa dha’e
malee biyyoonni baay’een rakkoo akkasiin akka miidhamaa jiran beekamaadha.
Biyyoota baay’ee keessatti bokkaan asiidawaa ta’e roobaa jira; kan keenyas
dabalatee biyyoota baay’eetti deddeebitiin ongee/gogiinsaa—jijjiirama
qilleensaan kan wal qabatu--- mul’ataa jira. Waggaa sadan tokko dura haala deddeebitii
ongee yeroo qorannu, aanaa Fantalllee
keessatti wanti arganne kana deggara. Jaarsolii biyyaa fi jiraattota aanichaa
haasofsiifnee turre. Isaanis: “kanaan
dura gogiinsi waggaa torba torbaan dhufa ture, kanaafuu ‘Bona Saftii’ ittiin
jenna ture. Amma garuu, bonni/gogiinsi waggaa lamaa fi sadii dhufaa jira.
Horiin keenyas itti nu duraa hubamaa jiru” jedhan. Ciramuun bosonaa fi
faalamuun qilleensaa egaa deddeebitii (frequency) hongee irratti shoora guddaa
haasa’a.
Baay’een keenya bishaan laga yaa’u
dhugnee akka guddanne beekamaadha. Garuu har’a, laga magaalaa keenya keessa
yaa’u dhuguu mitiitii ilaaluuf fedhii ni qabaannaa? Eenyutu faale? Waaqayyo
dhaa?
Gosti bineensotaa fi biqiloota bor
waa hedduuf nu fayyadamuu danda’anii har’a dhabamsiifamaa jiru. Baay’ee
isaaniis bora akka seenaatti ijoollee keenyatti himuuf jirra: Dur muka
baddeessaa jedhamu tokkotu jira ture – ijoollee taanee hurbuu isaa nyaanna; dur
bineesa harba jedhamu tokkotu jira ture,… jennee jechuu dha. Yoo arganne immoo
suuraa qofa ijoollee keenyatti agarsiifna ta’a. [as irratti baddeessatu badaa
jira jechuu koo miti].
Kana qofas miti, magaalaan keessa
jiraannu kun, iddoo baay’eetti funyaan qabannee kan bira dabarru dha. lagi ni
xiraa’a, mandarri ni xiraa’a. Kana immoo miidhaa Waaqayyo nurraan ga’e otuu hin
taane, kan nuyi hojjechaa jirru dha.
Akkuma guutummaa biyya lafaa irrattis
xiyyeeffannoon kennameefii dubbatamutti, kunuunsi naannoo (environmental
protection) inni jedhamu kun barbaachisaa dha; saayinsii fi siyaassa mataa
isaatiis ni qabaata. Mee waa’ee saayinsii fi siyaassa isaa iyyuu yoo
[yeroodhaaf] dhiifne, akka ilmaan Waaqayyootti waa’een qabeenyaa abbaa keenyaa
nu galcha. Amantoota baay’ee biratti dhimmi naannoo, dhimmi qilleensaa, dhimmi
dhiqamuu biyyee, dhimmi badiinsa uumamaa akka waan isaan ilaallatuutti hin
fudhatan. Dhimmi kun dhimma qabeenya abbaa isaanii akka ta’e kan yaadanii hin
beekne illee ni jiru. Haa ta’u iyyuu malee garuu, dhimmi kun nu
galcha—jechuunis nu ilaallata.
Mee maal goonee fooyyessina ire? Isa
jedhu ilaaluu keenya dura dhimmoota laman hubachiisuu barbaada:
-
1ffaan.
Naannoo fi qabeenya uumamaan nuuf kennaman kunuunsuun Waaqayyoon tajaajiluudha!
Waaqayyo akka isaan jiraatan barbaada waan ta’eef.
-
2ffaan.
Naannoo fi qabeenya uumamaan nuuf kennaman kunuunsuun karaa itti jaalala
qabaachuu keenya mul’ifnu dha. Waaqayyoonis jaallachuu, namootas jaallachuu.
Laga namni tokko karaa gadii waraabbatee dhugu, nummoo karaa olii waan lagicha
faaluu fi summeessu yoo itti goone, jaalala qabna jennee dubbachuu ni
dandeenyaa? Har’a jiraachuu fi of misoomsuuf jennee qilleensaa fi maddoolee
bishaanii (bishaan lafa keessaa dabalatee) yoo faalle, dhooloota dhufuuf ni
yaadna jechuu ni dandeenyaa? Akkas goona taanaan dhootaafis ta’ee namoota
miidhaan nuyi goonu hubuu danda’u hundumaaf jaalala hin qabnu.
Handhuurri Kiristaanummaa immoo
jaalala dha. Guyyaa tokko namnichi tokko gara Yasuus dhufee, abbommii keessaa
inni caalu isa kam jedhee gaafate. Yasuusis, Waaqayyoon waaqa kee garaakee
guutuun, yaada kee guutuun, jireenya kee guutuunis jaalladhu; hiriyaakees akka
ofii keetti jaalladhu jedhee deebise. Egaa Jaalala qabaachuun abboommii
hundumaa eeguu dha!
Egaa nuyis namoota jaallachuu irraa,
dhaloota dhufu jaallachuu irraa, Waaqayyoon isa waan hundumaa uumee fi kan ofii
isaa godhates jaallachuu irraa kan ka’e naannoo keenyaa fi qabeenya uumamaa
akka soortummaan (stewardship) eegnuu fi sirnaan itti fayyadamuuf nutti kenname kunuunsuun ni barbaachisa.
Yoo yaada kana irratti waliif
galleerra ta’eef, tarii egaa amma ‘eessa irraa jalqabnee naannoo keenya
kunuunsina?’ jennee gaafachuun hin oolu. Kanaaaf akka nu gargaarutti, mee
fakkeenya sasalphaan kaasuu yaala:
-
Itti
fayyadama annisaa/humnaa hamma danda’ame xiqqeessuu ( fkn. Ifaan/ibsaan qusii
malee ifaa oolee akka bulu gochuun naannoo irratti dhiibbaa qaba)
-
Maddoolee
bishaanii qulqullummaatti eeguuf ifaajuu
-
Meeshaalee
har’umeef itti fayyadamnu (kan akka peestaalii) dedeebisnee itti fayyadamuuf
yaaluu [haaraa bituu irra] yookiin immoo meeshaalee dhaabbataatti nu gargaaruu
danda’anitti fayyadamuun naannoo faaluu dhiqqeessa; meeshaalee dhiibifamnii
dhimma biraaf ooluu danda’an sirnaan warra hojii akkasii hojjetaniif dabarsanii
kennuu/dhiyyeessuu.
-
Meeshaalee
baay’ee callifnee bituu irraa of qusachuu (warrootuma itti dhimma baanu qofa
bituu); yeroo binnus warra annisa baay’ee hin fudhanne, salphaatti kan
omishaman, summii nannoo irratti kan hin babal’ifnetti dhimma ba’uu
-
Wantoota
yoo bakkeetti lakkifaman qilleensaa fi bishaan faalan akka itti gannu irratti
of eeggannoo gochuu.
-
Mukeetii
dhaabuu, biyyee eeguu, warreen hojii akkasii hojjetanis deggaruu
-
Tarsiimoo
fi himaammata kunuunsa naannoo irratti xiyyeeffatu deggaruu fi babal’isuu
-
Kosii
mana/warshaa keenya keessaa ba’an sirnaan bakka rakkoo hin uumnetti gatuu fi
tarkaanfii barbaachisu ogeessota mari’achiisuun fudhachuu
-
Dhimma
kana irra tti hubantii namoota naannoo keenya jiranii ol kaasuun/barsiisuun
fakkeenyas ta’uun tajaajila guddaa dha
-
K.k.f
Egaa walumaa galatti, kaayyoon barsiisa kanaa naannoo keenya
kunuunsuudhaan yaada Gooftaa keenyaa haa tajaajillu kan jedhu dha.
Tarkaanfiin nuyi har’a fudhannu hojii bor hojjetamuu
danda’uuf/jijjiirama bor dhufuu danda’uuf bu’uura ta’a. Garuu yoo har’a nuyi
irratti dammaqnee hin kaanu ta’e, tarii ijoolleen keenyas waa funyaanii fi
afaanitti diratanii waldaa keessa ta’uun isaanii hin oolu.
*** Garuu waan tokko immoo nan amana. Waaqayyo inni waan hin
jirre jiraachisuu danda’e, haaluma akkasii keessatti namoota jiraachisuu ni
danda’a. Haala hundumas geddaruu ni danda’a; nuyi garuu dursinee Isaa wajjin
waliif galuun nurra jiraata. Innis
dhiibbaa gaarii ta’e akka fidnuuf nu gargaara!
Kanaaf nuyi hamma dandeenyu, naannoo keenya kunuunsuuf, isa
miidhames suphuuf yeroo kaanu, yaada Waaqayyoo tajaajilla jechuudha. Nuyi
qabeenya uumamaatti sirriitti itti fayyadamuu ni dandeenya, garuu miidhuun
immoo sirrii miti. Yaada kana isa Waaqayyo geggeesitoota saba Isiraa’eliin
jedhe irraa argachuu ni dandeenya, ‘margi inni isin nyaattan isin hankaakee
jennaan, miilla keessaniin immoo balleessituu? Bishaan qulqulluu inni isin
dhugdan hankaaknaan isa hafe immoo booressituu? Sabni koo isa isin miilla
keessaniin booressitan dhuguu qabaa?’ (Hisq. 34:18-19) Kana jechuun, itti
fayyadamuun ni danda’ama; garuu miidhuun dhorkaadha jechuu dha jedheen
fudhadha.
Kanaafuu, kaanee yeroo nuyi naanno keenya irratti hojjennu
yoo namoonni nu gaafatan ‘Abbaakootu
barbaada!’ Yoo jenne ittiin qabnee Wangeela keenya isa guutumummaa of
keessaa qabu labsuu dandeenya.
Yeroo nuyi ulfina Waaqayyoo yaadaa naannoo keenya kunuunsuuf
kaanu, ifni keenya namoota baay’ee biratti mul’ata. Hojii gaarii kana nama
hundumaatu arga waan ta’eef!
Waaqayyo isin haa eebbisu!
No comments:
Post a Comment