Waaqayyo Amanamaa dha

Abdachiifamuun Maal? of kennuu qaamni tokko isa biraadhaaf gochuuf fedhee keessa galu dha.
Namoonnis ta'e Waaqayyo namoota ni abduachiisu, Seexanni illee. Garuu inni kan namaa haalotaan jijjiiramuu ni danda'a. Inni kan Seexanaa sobaa fi gowwoomsaan kan guute dha. Waan har'a mul'tauun waan caalu nama harkaa buusiif yaalii inni godhu dha. Kanaaf kan isaan kana lamaanii amachuun nama rakkisa. Waaqayyo duwwaatu akka abdachiisetti waan abdachiise fiixaan baasuuf dandeettii fi aangoo isaa qaba.
Yeroo tokko, namoonni tokko biyyan hin beekne, aadaa fi afaanisaa illee hin beeknetti eegnee si simanna jedhanii na abdachiisan. Anis isaan amaneen, xiyyaara lamaan bira ga'e. Haa ta'u iyyuu malee, haalonni turan tokko tokko akka isaan waadaa isanii hin raawwanne ittisee jira. 1. sa'atiin itti ka'u isan barreesseef -emali isaanii bananii hin argine. 2. Xiyyaara tokko irraa bu'ee isa biraatti yeroon darbu, xiyyaarri lammaffaan yeroo itti balali'u waan jijjiireef halkan walakkaa booddee achi ga'uufan dirqame. Egaa yaadaa, sababoonni kana fakkaataniif kan biraa baay'eenis, akka namoonni isa jedhan hin raawwanne gochuu danda'aniiru. Yeroo sanatti garuu, kan sagaleen Isaa dhaabbataa ta'ee fi haala namni keessa gale kamuu keessatti nama bira ga'ee nama furu, Waaqayyo, amanamaa ture. Haala sana keessa taa'ee akkan hin sodaannee fi hin raafamne kan na godhe tokko, "Waaqayyo waan anaa wajjin hojjetu hin fixne, kanaafuu ani amma du'uu hin danda'u!" kan jedhu keessa koo keessaa ka'ee gammachuu fi nagaa koo iddootti egga ture. Wantoonni nama naasisan, akka nama biyyaa fi aadaa hin beekne seeneetti, baay'een yoo jiraatan ille, harki Waaqayyoo nagaadhaan lafan ga'uu qabuun na ga'e! Waaqayyo amanamaa dha!
Yeroo tokko Laabaan, firooma Yaaqoobii wajjin qabu, hojii gaarii inni mana isaatiif hojjechaa jiru ilaalee, abdachiise. Haa ta'u iyyuu malee yeroo yeroon isaa ga'u, yaada isaa fi afaan isaa geggeddaruudhaan, garaa Yaaqoobiin gar malee gaddisiisee ture. Dhuma irratti immoo hamma eeboodhaan duukaa fiigutti ga'ee jira. Waaqayyo inni Yaaqoob isa dadhabaa fi baqataa, isa gowwoomsaa fi ariifataaf abdii gale garuu amanamaa ture. Yaaqoobii fi eebboo laabaan gidduu gale! Waa'ee Yaaqoob irraa kan ka'es Laabaanii akeekkachiise!
Har'a iyyuu Waaqayyo waa'ee kee waa'ee isa/ishee dadhabaa/ddu tiif akeekkachiisa baasu qaba. Tarii ati haala kee ilaallattee ni jabaatta, haala kee ilaaltees ni sodaatta ta'a. Waaqayyo garuu amanamummaa Isaatiin waan hojjechuuf yaade ni godha. Yaaqoob waan godheen sodaachifamaa fi doorsfamaa bara dheeraa jiraate - Laabaaniin ni sodaata ture, Eesa'uunis ni yaadda'a ture. Waaqayyo garuu harka hunduma isaanii isa oolche.
Amanadhu! Waaqayyo si oolchaa! Waaqayyo kanaan dura maal sitti dubbatee jira? Adaraa kee jabaadhuu tii isa eeggadhu, Waaqayyoo fi Dubbii Isaa hin mamin. Gooftaan Yasuus 'dubbii koo kan hin mamne eebbifamaa dha' jedheera.
Waaqayyo yeroo akkamii abdachiisa? sababoonni baay'een jiraachuu ni dand'u, ani garuu muraassa qofan kaasa.
1. Yeroo ijoolleen Isaa mul'ata ittiin kufaatii bira darban akka qabaatan barbaadu (Yoseef;.
2. Yeroo ijoolleen Isaa jireenya kaleessa keessa darbanii fi tarii kufaatii amma iyyuu keessa jiran keessa ba'anii, adeemsa isaanii akka itti fufan barbaadu ( Lubicha Iyyaasuu --- mana koo bulchita...)
3. Yeroo ijoollee Isaa jajjabeessuu barbaadu (Hewwan -- dubartiittii kandhalatu mataa boficha in tuma; deebi'ee dhufeen isin fudhadha Yoh.14:1-4)
4.Yeroo ijoollee isaa qopheessuu barbaadu (Maanuyee -Saamsoon/Zachaariyaas - Yohannis waan nama macheessuu hin dhugin; Maariyaam/Yoseef -- Mucaa in deessa).
Abdiin Waaqayyo kenne, yeroo tokko tokko waan ture yoo fakkaate illee raawwatamuun isa hin hafu. Ambaaqoomiin  "dhuma irratti ni ariifata"
Yeroo tokko tokko immoo Seexannii fi biyyi lafaa, kakuu nu gachisiisuu barbaadu. "hafeera, attam taata egaa? hin eeggatin, karaa biraa jalqabi...."
Ayiwuudonni yeroo dhufaatii Masihichaa eeggatan keessatti hacuucaa fi bittaan itti cime. Warri Waaqayyoon beekan garuu abdii isaanii utuu hin argine akka hin duune beeku! ---hanaaniyaas Jaarsicha.
Dhalachuun Yasuus, abdiidhaan kan eeggatamaa ture dha. Haa ta'u iyyuu malee, dhalchuu Isaa duwwaa utuu hin taane, kan abdachiifame 'namnii fi Waaqayyos walitti dhiyaachuu dha'. Yeroo Waaqayyo waan tokko akka taatu si abdachiisu, Inni isa ti taatu sana qofa baraada utuu hin taane, sana ta'uu kee irraa kan ka'e, Mootummaa Isaa keessatti hojii hojjetamu barbaada. Kutaa jalqaba dubbifne keessattis barreessaan Ibirootaa, "Abdii isa himannutti jabaannee jiraachuun nurra jira' jedha. Jaataniin Waaqayyoo hin kufu!
 
 

No comments:

Post a Comment