Gooftummaan kiristoos itti fufee lallabama

Wangeelli Kiristoos warra dhaga'anii fudhatinan hunndaafuu fayina fida. Kanaafuu, hojiin wangeelicha labsuu kallattii danda'amu maraanuu itti fufa.

Tajaajilli Sagalicha Dhiigicha Hafuurichaa marsariitii koo bifa haarawaan hojjetamaa jjiruun itti fufa. Kabajamtoonni dubbiftootaa na hordofuuf fuullota kanneen daawwaadhaa.
Main site
Dubbissa dabalataaf
Tajaajila sanbataaf (Amaariffa an) 

Eebbifamaa!

Immaammaa Tsahaay Tolasaa du'aan lafa kana irraa boqotan


It was a saddening news to hear that Mrs. Tsehay Tolessa a mother of Kulani, Aster, Lensa and Boru Gudina and the widow of late Rev. Gudina Tumsa passed away on 12 October 2014.
Photograph taken in 2008

Regardless of the loss of her dear husband, Rev. Guddinaa Tumsaa, and 10 years of torturing and imprisonment by the Ethiopian dictatorial military regime in 1980s, Aadde Tsehay remained faithful to her faith, belief and to her people.
As most people call her, Mother Tsehay was exemplary for her kindness, love for people, and endurance in times of trials and persecutions. We all miss Aadde Tsehay but she will be remembered for what God has done through her always.


 --------------------------------------------------------


 Kiristoosiin amanachuu fi ariyatama keessatti dhaabachuudhaan dhaloota amma jirruuf fakkeenya gaarii kan ta'an Aadde Tsehaay Tolasaa dhalatanii waggaa 84ffa isaaniitti Onkolooleessa12, 2014 du'aan lafa kana irraa boqotanii jiru.....bal'inaa oduu kanaaf  

Tokkummaa Qabaadhu!

Waaqayyoo sii wajjin tokkummaa barbaada!

Maqaanii fi hojiin Waaqayyoa ittiin of mul’isu kan amalaa fi eenyummaa isaa kan calaqisiisu dha. Jalqabaa jalqabee Waaqayyo wantoota hundumaa uumuudhaan Uumaa ta’uu Isaa mul’ise. Ergasiis cubbuu fi xuraa’ummaan mormuudhaan Qulqullummaa Isaa agarsiise. Kana malees, Waaqayyo qofaa isaa waaqeffamuunii fi jajamuun kan isaaf ta’u ta’uu Isaa, jireenya Waaqolii tolfamoo keessaa Abrihamiin waamuun agarsiise. Waamichi Abrihamiif ta’e kun (Ser.Um.12), Waaqayyo namootaa wajjin tokkummaa jiraataa qabaachuu akka inni barbaadus ni agarsiisa. Adeemsa jireenya Abriham keessatti immoo Waaqayyoo akkaata garaagaraatti itti kan of mul’ise yoo ta’e iyyuu,

Waaqayyo Nama Isaa ni kabaja!

Ati nama Waaqayyoo ta'uu of shaakalchiisi. Inni immoo waan nama Isaa taateef si kabajaa! Waaqayyo namoota Isa dhaga'anii fi Isaaf abboomaman, namoota immoo dhimma isaanii hundumaatiif Isa amanatan raawwatee hin gatu.

Ifni keessan Namoota duratti haa ifu!


(Audio) Kadhata [kan ittiin jalqabame]
“Yaa Waaqayyo Gooftaa! Sabni kee warri si barbaannu, warri si dheebonnu,; ati lubbbuu keenyaa, jireenya keenyaaf dhaloota keenyaafis ni barbaachifta jennee fuula Kee duratti dhiyaannee jirra. Ulfina kee isa guddaadhaan, Hafuura keetii fi dhiibbaa Waaqummaa keetiinis gidduu keenyatti akka argamtu si kadhanna, jaalala kee nuuf haa ta’u!

Waaqayyo Amanamaa dha

Abdachiifamuun Maal? of kennuu qaamni tokko isa biraadhaaf gochuuf fedhee keessa galu dha.
Namoonnis ta'e Waaqayyo namoota ni abduachiisu, Seexanni illee. Garuu inni kan namaa haalotaan jijjiiramuu ni danda'a. Inni kan Seexanaa sobaa fi gowwoomsaan kan guute dha. Waan har'a mul'tauun waan caalu nama harkaa buusiif yaalii inni godhu dha. Kanaaf kan isaan kana lamaanii amachuun nama rakkisa. Waaqayyo duwwaatu akka abdachiisetti waan abdachiise fiixaan baasuuf dandeettii fi aangoo isaa qaba.

Icciitii Moo'ichaa

Gaafa ati Waaqayyoo wajjin taatu, ykn gaafa Waaqayyo sii wajjin ta’u, Waaqayyotu diina diinota keetii ti.

Itti gaafatamummaa jireenya kee hundumaa Waaqayyo waan fudhatuuf, jireenyi kee wabii jireenyaa qabaachuu isaa qofa otuu hin ta’in, jireenya moo’ichaa argachuun kee dabalaa adeema.

Tarii wantoonni ati jireenya kee har’aa borii keessatti mo’achuu barbaaddee wal’aansoo ittiin qabdu, haa ta’u iyyuu malee hamma ammaati dabaree wal-mo’ataa jiraattan, tuujuba Waaqayyoon beekuu keessa gaafa ati lixxu, miilla kee jalatti argita. Waaqayyoon beekuun kee moo’icha kee ta’a.

Icciitii Moo'ichaa k2ffaa(fulltxt)

Yeroo ati Waaqayyoo wajjin waliif galtu, diinonni kee diinota Waaqayyoo ti.
Ati immoo argama Waaqayyoo keessa jiraatta. Argamni Waaqayyoo iddoo jirutti immoo maaltu ta’a beektaa? Diinonni kee ofumaan gubachuu jalqabu. Far.21:8-12 dubbifadhu! “Yaa Waaqayyo],… yeroo ofii kee argisiiftutti gubaa akka iddoo ibiddaa [lafa itti sibiila baqsan] isaan[diinota koo] ingoota; Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan in fixa. Ibiddis xaph isaan in godha.”(lk9) Argitaa? Of agarsiisuun Waaqayyoo ykn argamni Waaqayyoo qofti diinota baqsa!

Bara si Fuulduraaf Kakuu qabda

Kakuu fi Eebba Waggaa Haaraa
Waggaan haaraan kun kan eebbaa gammachuu fi durree moo’ichaa irra daangaa malee gulufuu isiniif haa ta’u! Sagaleen Waaqayyoo glaana eebba haaraa, kan isin tarii kanaan dura guutummaatti hin dhandhaminii isiniif fidee dhufeera. Sagalee Waaqayyoo kana keessa, kan ittiin waggaa haaraa kanatti itiin seentanii fi kan boroota saniin booda ittiin jiraattaniif ta’u, kakuu jabaatu isiniif jira. Baga gammaddan!

Icciitii Moo'ichaa Kutaa1ffaa(fulltxt)

Waaqayyoon beekuudhaan Moo’icha gonfatta!(dhaggeeffachuuf) (Uum.40:8)
Beekumsa.
- Beekumsi wantootaa dhimmoota/haalota gadi fageessanii hubachuu fi dhiibbaa inni uumuu danda’u xiinxalanii ilaaluun wal qabataa dha.
- Namni tokko beekaadha yeroo jedhamu, waa’ee waan beeku sanaa warra gaaffii qabaniif ibsuu ni danda’a. Waan beeku sanaan immoo ofii isaa fi warra kaanis fayyadamoo ni godha.
- Beekumsi akkasii kun isa waraqaa raagaa qabaachuu bira darbu dha. Isa maqaa fi beekamtii namoota biraa irraa itti fudhachuu bira ni darba.
- Beekumsi gadi fagoon yeroo baay’ee jireenya nama beeku sanaa wajjin walfudhachuu isaa irraa kan ke’e dhimmoonni sanaa wajjin wal qabatan, akkuma salphaatti hiikamaaf.