Bible search tool

SDH Bible Search tool
Tajaajilli SDH oduu gammachiisaa isiniif qabatee jira. Oduun kunis nama hundumaa kan ta'u dha. Innis jaalalli Waaqayyoo inni dhaabbataanii fi amansiisaan karaa Yasuus Kiristoos mul'achuu isaa ti.
Jaalala Waaqayyoo gad-fageenyaan baruuf immoo kan nama gargaaru tokko Kitaaba Qulqulluu qabayyabachuu dha. Dubbii qayyabatan kana garaa namaa keessatti hiika sirrii itti kennuu fi jaalalli Waaqayyoo guutummaatti garaa keenya keessa akka guutuuf ga'een Hafuurri Qulquluun qabu isa ol aanaa dha.
Itti dabalataan immoo qayyabannoo Macaafa Qulqulluu keessatti meeshaalee nu gargaaran adda addaatti dhimma bahuunis badii hin qabu. Kanaafuu, tajaajilli Sagalicha DHiigicha Hafuurichaa meeshaa barbaada Kitaaba qulqulluuf oolu qabatee dhiyaatee ra. Gargaarsa Waaqayyoof galata guddaa dhiyeessaa, maammiltoonni akka itti dhimma bahaniif jajjabeessuun barbaada.
'SDH Bible Search' Kitaaba qulqulluu keessaa luqqisiiwwan barbaanne kan boqonnaa fi lakkoofsa kitabaaba dubbisuu barbaannuu saanaa itti galchinee argachuuf oolu dha. Itti dabalataniis yaada, jechoota akkasumas ibsoota adda addaa Kitaaba Qulqulluu keessaa argachuuf yoo feene, akka salphaatti meeshaa kanaan gargaaramnee arganna. Kitaaba Qulqulluu hiikaa fi afaanota adda addaas wal ciana qabnee qayyabachuu fi xiinxaluuf carraa qabna.
Kanafuu, daawwattoonni 'SDH Bible search' tti akka dhimma baatanii jireenya hafuuraa keessan soortan jaalala Waaqayyoon isin gaafanna.
HUbachiisa: Kaayyoon keenya namoonni dubbii Waaqayyoo jireenyaaf ta'u akka argatan malee kitaabaa kitaabatti utaaluudhaan yeroo ofii akka balleessan, hin feenu. Kanaafuu, dammaqiinsaa fi bifa bu'a qabeessan akka itti fayyadamniif daawwattoota keenya yaadachiisuu ni barbaanna,
Takiluu T. Guutaa
Tajaajila Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha
E-mail: tekluwbs@yahoo.com

No comments:

Post a Comment