Kottaa ni jennaa!

Maqaan Waaqayyoo har'as haa qulqullaa'u!

Gooftaan Yasuus barsiisa isaa keessatti, "Yeroo kadhattan, 'Yaa abbaa keenyaa Waaqarra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa'u...Amen' jedhaa kadhadhaa" jedhee barsiise. Maqaan Waaqayyoo yeroo hundumaa ulfinaa fi qulqullinaan eegamuu barbaada. Eenyu keenyatu maqaa ofii isaa badee fi xuraa'ee arguu fi dhaga'uu barbaadaa? Yoo yeroo baay'ee maqaa namaa bal'eessuun salphaatti fudhatama ta'e illee, maqaan keenya immoo kabajamee fi ol kaafamee akka dubbatamu barbaanna.