Ergaa har'aa: Maddatti siquun SI JIRAACHISA!

Madda jireenyaatti siquu!

Faarfatichi, "Burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina." jedhee faarfata (Far.36:9).

Isaayaasis yeroo Waaqayyo isin gidduu jiraatu, "isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbatu!"(Isa.12:3) jedhee raaja. Waaqayyos ofuma isaatii yeroo karaa Ermiyaas dubbatu, "Sabni koo jal'ina lama hojjete; ana isa burqaa bishaan jireenyaa ta'e dhiisee, qodaa bishaanii isa uraa isa bishaan baachuu hin dandeenye in tolfate" jedha (Erm.2:13). Waaqayyo madda jireenyii fi wanti jireenyaa barbaachisu hunduu keessa maddu dha!

Ergaa guyyaa moo'ichaatis!

Hafuurri Waaqayyoo har'a maal dubbataa?

Jirenya keessatti akkuma guyyaan lolamuu baay'een jiru, guyyaan moo'ichaas jira. Keessattuu yeroo Waaqayyoo wajjin waliif galanii lolatti bahan moo'ichi danuu fi gosa gosaan kan of agarsiisu ta'a. Sababiin isaa kan dura deemee duulicha geggeessu Abbaan Duulaa Waaqayyo waan ta'eef.

Guyyaan moo'ichaa akkuma guyyaa qorumsaa/lollaa yeroo itti Waaqayyo fuula koo barbaaddadhaa jedhu dha. Guyyaan gidiraas ta'ee guyyaan qannoo Waaqayyoon barbaaddachuu ilaalchisee yeroo walqixxaataa dha. Yeroo hundumaa Waaqayyoon akka haaraatti barbaaddachuun waan nurra jiruuf. Hariiroo Isaa wajjin qabnus jabeeffachuuf dhamaatii hundumaa gochuunis waan nurraa eegamuuf