Of Dhokse malee Waaqayyo jira!

OF DHOKSE MALEE WAAQAYYO JIRA!
Waaqayyo dhgumaan waaqa of dhoksu dha. (Isa.45:15) Of dhoksa malee garuu Waaqayyo hin badne, hin badus. Inni jira. Namni gowwaan gatii Waaqayyo akka inni eegetti hin mul’atneef ogummaa mataa isaatiin barbaadee waan isa dhabeef—“hin jiru” jedha. “ Gowwaan garaa isaatti Waaqayyo hin jiru jedha” (Far 14:1; 53;1) Waarri Waaqayyoon dhugumaan beekan immoo Waaqayyoo of dhoksuu akka danda’u beeku. Garuu in kadhatu. Fakkeenyaaf Daawit, Far.44:24 irratti, “Ati maaliif fuula kee dhoksitaa?” jedha. Achitti warri kaan yeroo isaa fi warra isaa wajjin jiran hacuucan, yeroo innii fi warri isa fakkaatan immoo gadadaman, Waaqayyo cal jedhee ilaala. Ykn Waaqayyo maal hojjechaa fi dubbachaa akka jiru eenyu isaanii iyyuu hin dhaga’an. Warri hacuucanis itti fufanii hacuucu, warri hacuucamanis itti fufanii hacuucamaa jiru. Gaaffiin Daawwit akka warra kaanii, ‘Waaqayyotu dhibee’ miti. Garuu, maaliif of hin mul’iftuu dha. Jiraachuu isaa mamuuf garuu inni gowwaa hin turre.