Waaqayyo Amanamaa dha

Abdachiifamuun Maal? of kennuu qaamni tokko isa biraadhaaf gochuuf fedhee keessa galu dha.
Namoonnis ta'e Waaqayyo namoota ni abduachiisu, Seexanni illee. Garuu inni kan namaa haalotaan jijjiiramuu ni danda'a. Inni kan Seexanaa sobaa fi gowwoomsaan kan guute dha. Waan har'a mul'tauun waan caalu nama harkaa buusiif yaalii inni godhu dha. Kanaaf kan isaan kana lamaanii amachuun nama rakkisa. Waaqayyo duwwaatu akka abdachiisetti waan abdachiise fiixaan baasuuf dandeettii fi aangoo isaa qaba.