Icciitii Moo'ichaa

Gaafa ati Waaqayyoo wajjin taatu, ykn gaafa Waaqayyo sii wajjin ta’u, Waaqayyotu diina diinota keetii ti.

Itti gaafatamummaa jireenya kee hundumaa Waaqayyo waan fudhatuuf, jireenyi kee wabii jireenyaa qabaachuu isaa qofa otuu hin ta’in, jireenya moo’ichaa argachuun kee dabalaa adeema.

Tarii wantoonni ati jireenya kee har’aa borii keessatti mo’achuu barbaaddee wal’aansoo ittiin qabdu, haa ta’u iyyuu malee hamma ammaati dabaree wal-mo’ataa jiraattan, tuujuba Waaqayyoon beekuu keessa gaafa ati lixxu, miilla kee jalatti argita. Waaqayyoon beekuun kee moo’icha kee ta’a.

Namni kamuu dandeettii fi jabina ofii isaatiin Waaqayyoon beekuu bira ga’uu hin danda’u, garuu yeroo Waaqayyo irraa dhaggeeffachuu baru, beekumsi Waaqayyoo keessa isaatti uumamaa, amantiin keessa isaatti guddachaa fi dubbiin Waaqqayyoo amantiidhaan jireenya isaa wajjin wal fudhataa adeema.

Kun immoo wantoota inni qofaa isaa otuu ta’ee mo’achuu hin dandeenyee fi eebba inni maal iyyuu yoo goodhe bira ga’uu hin dandeenye isa gonfachiisa. Siinis Waaqayyoon beekuun moo’icha si gonfachiisa!

Namni jireenya moo’ichaa bira ga’uuf, waa’ee Waaqayyoo maal beekuutu isa barbaachisaa? Utuu seerrii fi abboommii eeguun ba’aa guddaa namatti hin ta’in, Waaqayyoon gammachiisaa fi jireenya moo’ichaan guutuu ta’e jiraachuun akkamitti danda’amaa? Barsiisa dubbii Waaqayyoo kana keessaa waan isin gargaaru ni argattu jedheen amana.

Waaqayyoon beekuun Yasuus Kiristoositti amnuu irraa jalqaba, kun immoo jireenya bara baraa ti. As keessatti Waaqayyoon beekuu inni jedhamu kun isa namni dubbii Waaqayyo iraa dhaga’ee fi amaloota Waaqayyoo amantii isaa wajjin walsimachiisee jiraatudha.

Yeroo ati Waaqayyoon dhageessu jijjiiramni jireenya kee keessatti uumamu guddaan tokko, “nagaan kee akka yaa’aa galaanaa ta’a!” (Isa.48:18) Haala, yeroo fi iddoo kamittuu nagaan Waaqayyoo jireenya kee keessa guutee lola’uu isaa irraa kan ka’e gammachuun kee eegamaa ta’a! Atis boqonnaa isa dhugaa jireenya kee keessatti argachuu jalqabda.

Bal’inaan dhaga’uuf, mee maaliif “Icciitii Moo’icha Kutaa 2ffaa” bilisa/tola harcaafattanii (download gootanii) hin dhaggeeffatan? Maatiif, firaaf akkasumas hiriyaaf illee qooduun hin badu.

Waaqayyo isin haa eebbisu!

(Please, click here to download full free aduio sermon)

"Icciitii Moo'ichaa” kutaa 1ffaa

No comments:

Post a Comment