Icciitii Moo'ichaa k2ffaa(fulltxt)

Yeroo ati Waaqayyoo wajjin waliif galtu, diinonni kee diinota Waaqayyoo ti.
Ati immoo argama Waaqayyoo keessa jiraatta. Argamni Waaqayyoo iddoo jirutti immoo maaltu ta’a beektaa? Diinonni kee ofumaan gubachuu jalqabu. Far.21:8-12 dubbifadhu! “Yaa Waaqayyo],… yeroo ofii kee argisiiftutti gubaa akka iddoo ibiddaa [lafa itti sibiila baqsan] isaan[diinota koo] ingoota; Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan in fixa. Ibiddis xaph isaan in godha.”(lk9) Argitaa? Of agarsiisuun Waaqayyoo ykn argamni Waaqayyoo qofti diinota baqsa!
Abrihamiin immoo waan Waaqayyo jedhe ni yaadattu mitii? (Uum.12:3) “Warra si abaaran nan abaara…” Isiraa’eliin hoo? “Dubbii isaa [ergamaa ramadameef] ba’eessa gootee yoo dhaggeeffate, waan ani sitti dubbadhu hundumaas yoo goote, ani diina keetti diina nan ta’a, warra siin mormaniinis nan morma” (Seer.Bahuu.23:21).
Karaa Ermiyaas immoo (30:20) ‘warra saba koo cunqursan nan adaba!’ jedheera Waaqayyo.
Karaa Zakaariyaas (2:8-9) immoo, ‘kan sitti bu’e, agartuu ija ofii isaatti bu’e’ jedha.
Kakuu Haaraa keessattis, wanta Gooftaan Yasuus Saa’oliin jedhe yaadadhu, “Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ariyattaa?...” (HoE.9:4)
Kunniinii fi kan biraa baay’een Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee jiru, akka Waaqayyo itti gaafatamummaa/lola ijoollee isaatiitti ofii darbu agarsiisa.
Gama biraadhaan immoo, yeroo namni Waaqayyoo wajjin waliif galuu didu Waaqayyo immoo gama jal’ina namaatti yeroo inni diina ta’us ni argina!
GAAFFII GUDDAA: Waaqayyo siif haa lolu moo siin haa lolu? Maal jettu isin?
Yoos egaa dubbii isaa ba’eessa goonee haa dhaggeeffannu! Innumti immoo qalbii garaa keenyaa nuuf haa banu!
Egaa icciitiin moo’ichaa Waaqayyoon beekuu dha. Waaqayyoon beekuuf immoo Waaqayyoon dhaga’uudha [dubbii Isaas hojiirra oolchuu]!

Torban 3 darbe, mata duree “Waaqayyoon Beekuun Moo’icha si gonfachiisa” jedhu ilaaluu jalqabuun keenya warra gaafas turtaniin ni yaadatama jedheen yaada.
Yaada torban darbe kaafnee turre gabaabaatti of yaadachiisuuf (warra hin turinis qaqqabsiisuuf):
- Beekumsi waan tokkotti waraqaa fi maqaa qabaachuu bira waan darbu ta’ee, namni beekumsi isaa sirri ta’e tokko wanti inni beeku jireenya isaa wajjin wal-makachuu isaa irraa kan ka’e otuu itti hin dadhabbin beekumsa isaa akka callaqisiisu, akka jiraatu, akka dubbatu fi akka hojjetu waliin dubbannee jirra (2 Qor.11:6). Kanaafuu akka gaafas kaafnetti:
- Beekumsi sirriin, waan dubbisan tokko qalbiitti yaadatanii irra deebi’anii jechuu/dubbachuu otuu hin taane, wanti bratan sun jireenya baratichaa keessatti yeroo hojiitti hiikamuu fi hubatamee karaa fi hojii ofii keessatti ibsamuu danda’u dha.
- As irratti namni tokko waan beekuu qabu qalbiitti qabachuun isa hin barbaachisu jechuu koo miti. Garuu wanta qalbiitti qabanne hundumaas sirreessinee beekna jechuun immoo dhugaa irraa kan fagaate dha.
- Waaqayyoon beekuunis, akkuma kana, waa’ee Waaqayyoo waan dubbifnee fi dhageenye qalbiitti qabnnee dubbachuu bira kan darbu akka ta’es ilaallee jirra. Kanaaf:
- Waaqayyoon beekuun, amaloota Waaqayyoo hubatanii akkaataa sanatti jireenya ofii jiraachuu dha. Kunis, akka Waaqayyo ofii ta’etti isa arguu, akka inni nu godhetti of arguu, akka inni itti namaa fi uuma kan biraa kaa’etti isaan ilaaluu fi isaanii wajjin jiraachuu nu dandeesisa; Waaqayyoon beekuu keenya akka mul’isa jenneerra.
- Amaloota Waaqayyoo warra dhaalamanii fi hin dhaalamnes gabaabsinee kaasuu yaalleerra.
- Namni Waaqayyoon beeku, nama amallii fi jaalalli Waaqayyoo jireenya isaa keessatti hojjomeeffamee ykn dhugoomfanee mul’atu dha. Kana yeroo jennu immo Waaqayyoon waan si’a tokkotti barree fixnu taasisuu koo otuu hin taane, waan wal-irraa cituu malee itti guddataa adeemu ta’uus daballee kaafneerra. Eenyu iyyuu Waaqayyoon beekee fixuu hin danda’u waan ta’eef.
- Waaqayyoon beekuun keenyas amala Waaqayyoo jireenya keenyatti fudhachuu fi akka inni jireenya keenyaa waliin walmakatu gochuu dha.
- Kun immoo haalota nuti humna keenyaa fi jabina keenyaan mo’achuu hin dandeenye baay’ee irratti moo’icha akka nuuf kennu kaafneerra.
- Jechi moo’icha jedhus wal’aansoo fi lolaa malee jiraachuu akka hin dandeenye kaafneerra. Namni tokko mo’ate kan jedhamu, waan wajjin dorgome, ittiin walqabe, ittiin dorgome ykn immoo ittiin wal-lole yeroo jiraatu dha.
- Kuni immoo jireenya lolaa fi wallaansoo nuti biyya lafaa kana keesatti keessa jiraannuun kan walqabatu akka ta’e ilaalleerra.
- Jireenyi keenya maasii Waaqayyoof qopheeffame ta’ee otuu jiruu guyyaa guyyaatti jireenya keenya keessati sanyiin hamminaa, jal’inaa fi cubbuu garaagaraa akka faca’aa oolu kaafnee, kan nuti sanyichi keessa keenyatti biqilee fi guddattee akka nu hin huune gochuu dand’eenyu beekumsa nuti Waaqayyoof qabnuun Walqabataa akka ta’es kaafneerra.
- Kana jechuun immoo, jabaannee ofuma keenyaan Waaqayyoon beekuudhaa fi humna ofii keenyaatiin wal’aansoo waan mo’annuuf jireenya arganna jechuu akka hin taane (1Qor.1:21; Luq.10:21) garuu, humni moo’icha keenyaa Gooftaa keessaa akka nuuf madduu fi isa dhaga’uu irraan akka nuuf dhufus kaafneerra (Yoh.7:40-41;
- Kanaaf, Isa.48: 17-18 irrattii Waaqayyo, “Ana inni si fure, inni Waaqa siif ta’e, inni waan gaarii si barsiisu fi kallattii ittiin deemtu si barsiisu” jedha. Kun immoo, Waaqayyo, ‘iddoo kan biraadhaa beekumsa fudhadhuu kotuu tii, ittiin moo’icha argattaa’ nuun hin jenne.
- Garuu, ‘Isan sitti hime yeroo dhaggeeffataa fi hojjomeessaa deemtu, humna moo’ichaa kee cimsataa adeemta nuun jedha malee. Yeroo na dhageessu, nagaan kee akka yaa’aa galaanaa ta’a’ jedha.
- Kana jechuun, diinni nagaa kee budduqsee si duraa fixuu hin danda’u, booressees si yaaddessuu hin danda’u. Laga yaa’u namni hammam harkaan biyyoo ammaaree yoo itti naqe iyyuu, cabsatee darba malee, boora’ee hin dhaabatu. Burqaa isaa biraa kan cuqqaalu waan hin jirreef. Waaqayyo burqaa nagaa keenyaa ti.
- Yeroo Waaqayyotti siqnee, Isa dhageenyu, Waaqayyo dibata nu barsiisus nu keessa kaa’a. Dibatni kunis yoom iyyuu nu biraa hin deemu. Nu keessa jiraata. 1Yoh.2:27 ilaalaa: “Dibanni isin Isa biraa fudhattan garuu isin keessa in jiraata; inni waan isin barsiisuuf namni bira isin barsiisuu hin barbaachisu. Hafuurri Isa inni dibata jedhame kun waa’ee waan hundumaa isin in barsiisa; barsiifni isaas dhugaa dha, sobnis keessa hin jiru. Egaa akkuma inni isin barsiisetti isatti jiraadhaa!”
Egaa Waaqayyoon ba’eessa godhanii dhaggeeffatanii isaan waliif galuun moo’icha. Mo’anii argamuun immoo caalanii argamuu dha. Takka takka caalamaan kun, tarii akkaataa isa biyyi lafaa caalmaa itti jettutti ta’uu dhiisuu ni danda’a jenneeras.
Egaa, “Jireenya moo’ichaa jiraachuuf, essaa jalqabnu ree?” nama jedhuuf, deebiin isaa kana dha. Yasuus Kiristoositti amanuu irraa jalqaba. Namni Yasuus Kiristoosiin amanu biyya lafaa mo’achuu akka danda’u, sagaleenWaaqayyoo ni barsiisa. (1Yoh.5:4-5). Namni Yasuus Kiristoosiin amanuudhaan fayyina ofii isaatii dhugoonfata. (HoE. 16:30-31)
Kana irratti wanti dagatamuu hin qabne, Yasuusitti amanuu jechuun waldaa daquu jechuu ykn immoo dhaaba amantaa Kiristaanaa tokkotti hammatamuu jechuu miti. [Inni kun barbaachisaa dha nama amaneef]
Garuu, nama Yasuus Kiristoosiin amantiidhaan fudhatee, isa immoo jireenya isaa irratti moosise jechuu dha. Namni akkasii, barsiisa fi qajeelfama Gooftaa hordofee nama deemu dha. Nama akkasiitu, fakkeenyaaf, barsiisa Yasuus waa’ee dhiifama gochuu barsiise waan amanuuf, isa kana jireenya isaa keessatti shaakalaa adema. Isatu egaa biyya lafaa mo’ata jechuu dha. Kanaa achi baay’een otuma waldaa dhaqanii iyyuu Waaqaayyoon hin beekan (1Qor.15:34-35) Isaan akkasii egaa amma illee adaba jalaa hin baane jechuudha; sababni isa Gooftaan Iyesus lammaffaa deebi’ee gaafa mul’atu, warra Waaqayyoon hin beekne akka adabu sagaleen Waaqayyoo dubbata (2 Tese.1:8-10).
Akkuma Abriaham Waaqayyoon dhaga’ee, gaara Mooriyaatti tokkicha dhala isaa fudhatee sokke. Yeroo tokko tokko, isa Waaqayyo godhi jedhe gochuun yeroo itti liqimsuun isaa salphaa hin taane jira. Amantiin Waaqayyoon beekuu irratti hundaa’e garuu ni dandeesisa.
Egaa namni Yasuusiin amanu, Barsiisa Isaa shaakalaa adeema. Barri nuti har’a keessa jirru, yeroo itti ililchanii/harka walitti rukutanii qofa manatti galan ta’eera. Raawwii hin qabu! Kanaaf, Waaqayyotti amanuu/Yesuusitti amanun keenya illee yeroo itti gaafatamuu qabu keessa jirra.
Torbee 3n akkuma kaafnee turre, Yoseef yeroo cubbuutti affeerame, “Waaqayyo maal naan jedhaa?” Jedhe. Hubadhaa, yeroo itti Yoseef ejja dide kun, yeroo itti seerri [Abboommiin hin ejjin jedhu] karaa Musee kenname hin turre [Waggoota 430 dursee ti].
Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyo inni inni jireenya isaa keessatti beeku, jireenya qulqullummaa isaa wajjin waliif hin galle, akka ciiga’u waan bareef dide malee. Inni hin barreeffamin yaadni Waaqayyoo isa biratti beekameerra fudhatameeras jechuu dha.
Har’a garuu baay’een keenya isa barreeffamee wajjinuu wal-lolaa oolla. Yeroo tokko tokko, cubbuu akka cubbuutti barsiifame illee deebifnee qajeelchuu fi akka waan sirrii tokkootti luqisii yeroo itti barbaannu ni mul’ata(Luq.16:15).
Fakkeenyaaf, jireenya ejjaa/hannaa/ sobaa/ jibbaa/ dhiifama gochuu diduu keenyaa deggaruuf, kitaaba keessaa waan itti kabeelchinu, seera hawaasummaa keessaa, saayinsii keessaa, shaakala namoota kan biraa keessaas itti daballee miidhagsinee agarsiisuuf yeroon itti kaanu jira. Kana jechuun qalbii diddiirannee irraa deebi’uuf tasumaa fedhii hin qabu jechuudha.
Kun garuu, Waaqayyoon wallaaluu keenya kan agarsiisu malee qulqullummaa keenya kan agarsiisu miti. Raawatee Waaqayyo akka waan xuraa’aa jaallatu gochuun waan nuuf hin danda’amneef.
Yeroo akkas goonu, akka Waaqayyo garaa namaa beeku, akka inni waan nuti godhaa jirru argus, hubachuun nu duraa dhokatee, Waaqayyoon akka namaa/ lubaa/ waldaa/ tajaajilaatti … ilaalaa jirra jechuu dha.
Sagalee isaa keessatti Waaqayyo, “isa garaa nama hundumaa qoree ilaalu’ akka ta’e irra deddeebia’amee barreeffameera. (1Samu.16:7; Erm. 17:10; Yoh. 2:24-25; Ibr.4:13).
Mee 1Seen.Baraa 28: 9 haa dubbifnu. “Yaa Solomon, yaa ilma ko, Waaqayyo inni ani [Dawit] abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu! Yoo isa barbaaddatte, isa in argatta; yoo ati isa barbaadachuu dhiifte garuu, innis bara baraan si in gata” Jedha.
As keessatti, mee haa xiinxallu akki itti Daawit Waaqayyoon hubate:
- 1. Waaqayyo waaqa gowwoomfamuu hin dandeenye akka ta’etti. Kana jechuun immoo sababii kamii fi tooftaa kamiin dhimma baatee gowwoomsitee bira darbuu hin dandeessu jechuu isaati. Kanas Daawwit jireenya ofii isaa keessati argeera—yeroo cubbuu inni haguugee hambisuuf ka’e irratti Waaqayyo itti dheekkame fi isa saaxilee waan tureef(2Sam.12) .
Kana hubachuun Daawwit immoo qalbii diddiirraannaa isaa fuula Waaqayyoo duratti fudhatama ta’e akka inni godhatu fi araaras akka inni argatu isa gargaaree (2 Sam. 2:13).
Waaqayyo isa namni jedhuu fi godhu qofa otuu hin taane, “waan yaadni namaa itti hidhamee jirus beeka”. ‘Motive’ namaa sakatta’a (Fak.16:2; Erm.17:10; Ibr.4:13) bakkeettis ni baasa (1Qor.4:5;Lal12:14)!
- 2. Waaqayyo Gooftaa dha. Gooftummaa isaatiin (beekuu)—Namni Gooftummaa Isaatiin Waaqayyoo beekuun, sodaa qulqullaa’aadhaan (Far.5:7) akka inni jireenya isaa geggeeffatu isa gargaara. Kanaaf, yeroo mooticha Solomooniin gorsu, “Ani mootii ta’eera jettee tessoo qabattee, Waaqayyoon iddoo hin dhowwatin” jedhaan. Solomoonis garaa boodaa Waaqayyoon sodaachuu jechuun maal akka ta’e yeroo ibsu, _______(Fak.8:13; 16:6).
Atis har’a akkas hin godhin, obboleessa/obboleettii ko. “Anoo….” Jettee qabeenyaaf qaroomina, seenaa fi siyaassa… maqaa dhooftee, Waaqayyoon iddoo hin dhowwatin!
Waaqayyo in sodaatama! (Erm.5:22; 10:7; Mat.10:22)
- 3. Waaqayyo namatti akka inni of dhiyeessu (isa barbaaddatuuf ni argama). Kanaaf, Waaqayyo ati isa ni barbaadata taanan ofii Isaa si hin dhoksu, siif argama, siif owwaata, gargaarsa ati Isa irraa baraaddu kamuu siif kennuuf qophaa’aa dha.

Jechi “yoo barbaaddatte” jedhu hojii of keessaa qabaa baraa! Kadhataan, waan gootun, waan dubbattuun, waan jiraattuun, … akka Waaqayyo sitti dhiyaatee sii wajjin hiriiru yoo goote jechuu dha.(Izira.6:21;

Waan gootu hundumaa keessatti, Waaqayyo iddoo qaba taanaan Isa barbaaddachuu kee agarsiisa.

- 4. Wanti amma namni dhibaa’ummaan godhu (Keessattuu Waaqayyoon barbaaddachuu dhiisun) dhiibaa barabarummaa qabu akka inni isa irratti uumuu danda’u: Ati jireenya ammaa keessatti (aangoo qaba, mootummaa qaba, horii qaba, beekumsa qaba, gorsitoota baay’ee qaba, dargaggummaa fi loltuu baay’ee qaba… jettee) isa dhiifta taanaan, inni immoo jireenya isa bara baraa keessatti si dhiisa’ jedha. Kun, jecha salphaa miti.
- Daawwit dubbii cimaa akkasii maalilif dargaggeessa reef mootummaa fudhatutti, ol adeemaatti, dubbata? Akkuma har’a namoonni baay’een ijoollee ijoollummaatti dhugummaa ulfina Waaqayyoo wajjin jiraachuu fi isa malee jiraachuu baasanii itti himuu hin feene maaf gochuu dide? ‘Sammuu isatiif of eeggachuu’ maa dadhabe?

Gabaabaatti Daawwit mucaa isaa baay’ee waan jaallatuuf, dheekkamsa bara baraa jala akka inni of buusu hin barbaanne.
- Kaanaaf, ganamumaan akkeekkachiisa jabaa itti hime. Solomoon erga nama guddaa ta’ee booda, gorsi ijoollummaa hammam bu’aa akka qabu ragaa baheera (Fak.22:6). Daawitis kana gochuu isaatiin seera waaqayyoo raawataa jira (Kees.6:7. Dabalataaf 2 Xim.3:15-16)
- Amma as keessaa namoonni ijoollee qabnu, ijollee guddifnu, dargaggoota qabnu, obboloota qabnu, tajaajiltoota of jalatti kaasaa jirru… kana irraa barachuun hin badu!

**** Kun hundumtuu kan nu barsiisu, Waaqayyoon beekuun waan alaan namatti mul’atu akkas seeraatti raawwataa jiraachuu bira akka darbu, Waaqayyoon beekuu keenyaan yaada Isaa isa hin caafamin illee raawwachuu akka dandeenyu nu barsiisa.
Nuti yaada waaqayyotti of safaraa adeemuu malee, [akka foon keenyatti toluuf jennee,] yaada keenyatti dubbii Waaqayyoo safaraa deemuun nurra hin jiru. Cubbuu kunuunsinee hambifannus qabaachuun hin qabu.

- Egaa Waaqayyo isa garaa (‘motive’ namaa) beeku dura jiraachuuf isa beekuun barbaachisaa akka ta’e, Waaqayyomti iyyuu iddoo baay’eetti dubbateera:
- Hose’aa 6:6 Waaqayyo, “Ani jaalala nan barbaada malee, aarsaa miti; aarsaa gubamu caalaa immoo ana Waaqayyoon beekuu keessan nan barbaada” jedha

- Asi irrattis haa qalbeeffannu: Namni Waaqayyoof qalma gubamu dhiyeessu akkamitti Waaqayyoon wallaala?

Jaalalli waan keessaan jalqabu dha, aarsaan garuu waan alaan mul’atu. Jaalalli seera raawwachuu bira ni darba. Waan seeraan kennamee fi dhowwame gochuu caalmaatti, Waaqayyoon Isa seericha kenne beeknee isaaf jiraachuu keenyatu Waaqayyoon gammachiisa. Nuun immoo jireenya moo’ichaa nu jiraachisa.
- Kan nuti har’a jireenya moo’ichaa dhabnee rakkannuuf, tarii sababii qarqara seeraa irraa marmaarruuf jedheen yaada. Qarqara irra waan jirruuf immoo ba’aa- galaa, ba’aa- galaa jireenyachuun dirqama ta’a. Yeroo akkasiis wal’aansoon keenya jireenya qarqarichaarra jiraachuuf kan goonu malee tuujuba beekumsa Waaqaayyootti siquu hin ta’u. kanaaf, yeroo baay’ee, waan foonni keenya, biyyi lafaas akka goonu barbaadu gochuuf, seerattii barreeffamte qofa ilaaluu ta’a.
o Gooftaan Yasuus waa’ee yaada Waaqayyoo keessa galanii jiraachuu fi wa’ee seeruma qofaa eeguu irratti kan inni dubbate kanaaf natti fakkaata.
o Mat.5:17-6:21 keessatti Gooftaan Yasuus waa’ee yaada Waaqayyoo isa jalqabaa barbaadaa jiraachuu dubbate---kun immoo jireenya qubee seeraa lakkaa’uu bira darbu dha.
o Kanaaf waa’ee jaalala malee namatti dheekkamuu (ajjeechaan wal-qabsiisee), waa’ee ilaalcha qulqullaa’ummaa hin qabneen ilaaluu (“Namni ija ejjaatiin gara dubartii ilaale ishee wajjin ejjeera”), waa’ee ulfina gaa’elaa salphisuu, waa’ee dhugaa walitti dubbachuu (kakaan wal qabsiisee), waa’ee ijaa baasuu Waaqayyoof dhiisuu, waa’ee diinota jaallachuu; waa’ee arjummaa isa dhugaa, waa’ee kadhata fudhatama qabu kadhachuu, waa’ee sooma qulqulluu soomuu, waa’ee jaalala jireenya boriif hojjetachuu (waaqarratti walitti qabachuu) dubbate).
- Egaa walumaa galatti, namni jireenya Waaqayyoon beekuutti gaafa siqaa deemu, jireenya qarqaraa jiraachuudhaan jireenya mo’amaa fi saaxilamaa ta’e jiraachuu keessaa baha.
- Jireenya gadi fagoo sana immoo jiraachuuf Waaqayyoon beekuutu barbaachisaadha.


Sagaleedhaan dhaggeeffachuuf (Audio version) kana tuqaa

Kutaa tokkoffaa barumsa kanaa dhaggeeffachuuf kana xuqaa

No comments:

Post a Comment