Bara si Fuulduraaf Kakuu qabda

Kakuu fi Eebba Waggaa Haaraa
Waggaan haaraan kun kan eebbaa gammachuu fi durree moo’ichaa irra daangaa malee gulufuu isiniif haa ta’u! Sagaleen Waaqayyoo glaana eebba haaraa, kan isin tarii kanaan dura guutummaatti hin dhandhaminii isiniif fidee dhufeera. Sagalee Waaqayyoo kana keessa, kan ittiin waggaa haaraa kanatti itiin seentanii fi kan boroota saniin booda ittiin jiraattaniif ta’u, kakuu jabaatu isiniif jira. Baga gammaddan!
Kana egaa, “Afaan Waaqayyootu dubbate!” Kanaafuu, hubannoo fi qajeeltootti akka dubbiftanii fi itti yaaddan, ittiinis akka eebbifamtan jaalala Waaqayyootiinan isin gorsa. Baroota kana booda jirtutti egaa, akkas isiniif ni ta’a:
1. Ifni kee akka biiftuu ganamaa ol ni ba’a. Ifni keessan kun immoo dukkana keessatti ni ba’a. Dukkanni keessan immoo akka guyyaa saafaa ni ta’a!
2. Madaan kee dafee deebi’ee in fayya
3. Qajeelummaan kee si dura in adeema, Ulfinni Waaqayyoos si booddeedhaan si in eega
4. Yeroo Waaqayyoon Waammattu Inni dhaga’ee siif ni deebisa, waammannaa keetiifis siif ni owwaata.
5. Waaqayyo yeroo hundumaa si geggeessa
6. Waaqaayyo lafa onaa keessatti iyyu si in quufsa
7. Waaqayyo namummaa kee ni jabeessa.
8. Ati akka iddoo dhaabaa akka isa yeroo hundumaa bishaan qabuu in taata
9. Akka burqaa bishaan isaa hin hir’annees ni taata
10. Waan kanaan dura diigamee ture deebiftee ni ijaarta. Kanaaf immoo “nama isa caccabe deebisee ijaaru, nama isa duudee ture deebisee tottolchus” ni jedhamta
11. Waaqayyotti ni gammada
12. Waaqayyo iddoo ol ka’aatti akka ati ol baatu ni godha.
13. Waaqayyo dhaala abbootaaf kakatamee tures akka ati nyaattu ni godha
Kun hundumtuu wanta jireenya keetiif kakatame dha. Ati immoo akkas gochuutu sirra jira, eebba as keesstti tarreeffamaniif kan biraabaay’ees guutummaatti kan kee godhachuuf. Waaqayyos, “Isa kanan sirraa barbaada!” siin jedha: Kam?
1. Gara kootti deebi’uu fi na barbaaddachuun xiyyeeffannoo kee haa ta’u
2. Warra firdii jal’aadhaan hidhaman hiiki, hidhaa waanjoos ittii furi
3. Warra cunqurfaman luba baasi; waanjoo hundumaas isaan irraa caccabsi
4. Buddeena kee warra beela’aniif hiri; hiyyeessota oliif gadi roora’annif iddoo bultii kenni; warra qullaa ta’anitti uwwisi
5. Waaqayyoon waaqeffachuuf yeroo qabaadhu.
6. Fedha kee duukaa bu’uuttii of eeggadhu
****Gadi fageenyaan waa'ee kakuu bara kanaa qorachuu fi irratti hojjechuuf Isaaas 58 dhaqii dubbifadhu
Lakkoofsaanis ta’ee jabinaan wanti Waaqayyo si gaafatu kun isa Inni siif gochuuf siif kakatuu wajjin wal bira hin qabamu. Tarii kaan kaan isaatiif immoo kun ana hin ilaallatu ta’a jechuu dandeessa. Fakkeenyaaf, ‘Warra hidhaman akkam godheen hiikuu danda’a? Waanjouu warra cunqurfamanii akkam godheen caccabsa?’ jechuu dandeessa ta’a. Waaqayyo garuu waan ati hin dandeenyee fi gochuuf humna isaa hin qabne si hin gaafatu. Garuu hiiki kanaa akka haalaa fi iddoo ati keessa jirtuutti bifi inni itti si ilaallatu jira. Fakkeenyaaf, namoonni dubbii jireenyaa dhabanii roora’an, warri Seexanni bifa garaagaraatiin gabroomsee du’atti geessaa jiru. Warri ulfata ulfinaa fi jireenyaa isa ta’e qajeelummaa Kiristoosiin nuuf kenname hin uffatin si bira hin jiranii? Isaan kanatti karaa agarsiisee, gara haala keessaa jiran keessaa bahuutti kan fiduu dandeessu siyi dha. Kanaafuu, mootota, abbootii taayitaa, muudamtoota siyaassaa ykn immoo ministeerota keesssa jiraachuu dhabuu keetiin ciftee bira hin darbin. Kana gochuudhaanis eebba kee hin daangessin. Isumsa ati yaaduufis yoo ta’e gama ittiin gumaachitu ni jiraata, qajeelummaan akka injifatuuf.
Kakuun waggaa haaraa kana jalqabatti Waaqayyo biraa siif kenname baay’ee dha, eebbaa fi ulfina guddaatu si eeggata. Atis akka Waaqayyo hojjetee si agarsiisuuf, iddoo itti barbaadamtutti Waaqayyoof argami.
Waggaan haaraan kun kan eebbaa, kan gammachuu kan fiixaan bahumsaa fi kan Waaqayyoo wajjin itti walitti michoomanii jijjiirama hundeqabeessa ta’e fiduu jireenya keetiif haa ta’u. Eebbi kun immoo sirraa iyyuu hafee maatii kee fi namoota naannoo kee jiraniif, akkasumas sabaa fi sab-lammootaaf kan dhangala’e haa ta’u! Waaqayyo eebbaaf si haa godhu!
HB: Dhiifama, kana keessatti “Si” jedheen dubbadhe, “isin” jedhee kabajaan dubbachuun utuu narra jiruu. Sababni isaa ergicha akka dhuunfannuuf jedheen. Waaqayyoof immoo namni kamuu—umurii kamittuu— uumama harka isaatii fi ilmaa fi intala Isaati.

Dabalataaf http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm daawwadha

No comments:

Post a Comment