Icciitii Moo'ichaa Kutaa1ffaa(fulltxt)

Waaqayyoon beekuudhaan Moo’icha gonfatta!(dhaggeeffachuuf) (Uum.40:8)
Beekumsa.
- Beekumsi wantootaa dhimmoota/haalota gadi fageessanii hubachuu fi dhiibbaa inni uumuu danda’u xiinxalanii ilaaluun wal qabataa dha.
- Namni tokko beekaadha yeroo jedhamu, waa’ee waan beeku sanaa warra gaaffii qabaniif ibsuu ni danda’a. Waan beeku sanaan immoo ofii isaa fi warra kaanis fayyadamoo ni godha.
- Beekumsi akkasii kun isa waraqaa raagaa qabaachuu bira darbu dha. Isa maqaa fi beekamtii namoota biraa irraa itti fudhachuu bira ni darba.
- Beekumsi gadi fagoon yeroo baay’ee jireenya nama beeku sanaa wajjin walfudhachuu isaa irraa kan ke’e dhimmoonni sanaa wajjin wal qabatan, akkuma salphaatti hiikamaaf.
- Haasaa isaa keessan, hojii isaa keessaan, barreeffama isaa keessanis beekumsi akkasii kan calaqisan yoo ta’u, hojiitti hiikamuun isaa yeroo baay’ee dhibbaa guddaa uumuu kan danda’u dha.
- Fakeenyaaf, namni tokko afaan tokko beeka yeroo jennu, afaan sanaan dubbachuu fi yaada isaa dabarfachuu kan danda’u ta’a. Namni akkasii, yeroo haasa’u hedduuminaan waa’ee seer-luugaa ykn waa’ee jechoota walitti barbaadu rakkata otuu hin taane, waa’ee yaada isaa dabarfachuu irratti xiyyeeffataa dha.Kana irraa kan ka’e, ergaan isaa qixaan darbaaf.

Egaa gabaabaadhumatti, beekumsa jechuun, akka ani hiikutti, waan dubbisan tokko qalbiitti yaadatanii irra deebi’anii jechuu/dubbachuu otuu hin taane, wanti bratan sun jireenya baratichaa keessatti yeroo hojiitti hiikamuu fi hubatamee karaa fi hojii ofii keessatti ibsamuu danda’u dha.
As irratti, ani hiikkoo beekumsaa isa waalta’aa ta’e ibsuuf barbaadee otuu hin taane, akkaataa ani hubadhetti, ergaa mata duree kana jalatti ilaalluuf akka nu gargaaruuf jedheen, innis: Waaqayyoon beekuu dha.

Waaqayyoon beekuu
Waaqayyoon beekuun waa’ee Waaqayyoo waan dubbifnee fi dhageenye qalbiitti yaadannee, akka seenaatti dabarsinee dubbachuu bira ni darba. Dhimmi Waaqayyoon beekuu, amaloota Waaqayyoo saa hubatanii akkaataa sanatti jireenya ofii jiraachuu dha.
Waaqayyo amaloota nama dhaalchisuu fi amaloota isa qofaaf hojjetan of keessaa qaba.
Fakeenyaaf: jaalachuun, araara gochuun, gaarummaan, qajeelummaan, qulqullummaanii fi kan kana fakkaatan amaloota Waaqayyoo warra nutis akka nuti qabaannuu fi itti guddannu inni barbaadu dha.
Gama biraadhaan immoo, amaloonni kan Waaqayyoo qofa ta’an jiu. Fakkeenyaaf: Uumuun (waan hin jirre irraa waan jiru hojjechuun), hundumaa beekuun, hundumaa danda’uun, iddoo hundumaatti si’a tokkicha argamuun, bara barummaan(jalqabaa fi xumura kan hin qabne ta’uun) kan Waaqayyo irraa kan hafe homtuu qabaachuu hin dandeenye dha.
Waaqayyo amaloota warra kan isaa qofa ta’an kanneen irra hanga ta’e nuuf qoodeera.Kanaaf, waan jiru irraa waan kan biraa uumuu ni dandeenya, hamma ta’e beekuu, amma ta’e danda’uu, bara barummaa (fuula duratti) nuuf kenneera/nu hirmaachiseera.
Egaa Waaqayyoon beekuu keessatti amaloonni isaa kunniin jireenya keenyaa wajjin walfudhatanii, ‘by default’ dallaa (framework) isaa keessa yeroo jiraannu dha.
Kun immoo, akka Waaqayyo ofii ta’etti isa arguu, akka inni nu godhetti of arguu, akka inni itti namaa fi uuma kan biraa kaa’etti isaan ilaaluu fi isaanii wajjin jiraachuun beekumsa Waaqayyoof qabnu irratti hundaa’a jedheen yaada. Kanaafidha, nu bara jiraannu keessatti Waaqayyoon barree fixuu kan nuti hin dandeenyeef.
Hammi nuti Waaqayyoon baraa adeemnu daangaa fi sadarkaa moo’icha keenyaa bal’isaa adeema.

Moo’icha
Moo’ichi jireenya waan namaan morkatu/nama balleessuu barbaadu, nama salphisuu barbaadu, gad-nama qabuu barbaadu, dhiibaa hin barbaachifne namarratti uumuu barbaadu… irra caalanii argamuudhaan mul’achuu ti.
Caalamaan kun, tarii akkaataa isa biyyi lafaa caalmaa itti jettu ta’uu dhiisuu ni danda’a.
Biyyi lafaa, isa ija-bukkeen nu ilaale nummoo kaballaa itti cufnee, ofiif jilbeenfachiisuu yoo dandeenye moo’ichatti lakkoofti.
Jireenya Waaqaayyoon beekuu keessatti garuu, isa hamaa nu irratti godhu nuti immoo gaarummaa itti agarsiisuu yoo dandeenye, kun moo’icha dha.
Gooftaan keenya Yasuus Fannoo Qaraaniyyoo irra taa’ee kan inni agarsiise isa kana. Warra isa fannisaii booda immoo itti ga’isaniif araara kadhate.
Moo’ichi, cubbuu isa yaada Waaqayyoo keessaa gadi-nu baasuu barbaadu irratti dammaqabii, qalbii diddiirachuu dhaa fi irraa deebi’uudhaan, Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dha. Haala mijataa hin taane baay’ee keessa jiraatanii hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban jabeessanii qabachuu fi giddifachaa adeemuun guddina Waaqayyoon beekuu keenyaa irratti hundaa’a. Kun immoo dhoksaa moo’icha itti fufaa isa guddaa dha.
Namni Waaqayyoon beekuu isaatiin, cubbuu, abdii kutannaa, hiyyuma, jal’ina, Seexanas ni mo’a.

Egaa moo’ichi yoom iyyuu wal’aansoo fi dorgommii booda waan argamu waan ta’eef, warri moo’icha argatan kun yeroo hundumaa jireenya wal’aansoo ittiin qabu/ittiin morkatu keessa jiraatu jechuu dha.
Morkiin kun immo, fakkeenyaaf, isa nuti guyyaa guyyaatti wantoota Waaqayyoof akka nuti hin jiraanne nu gochuudhaaf nutti dhufan irratti olaantummaa argachuu dha.
Nuti biyya lafaa kanarra yeroo jiraannu, guyyaadhuma guyyaadhaan sanyiin Waaqayyo biraa hin taane baay’een maasii (keessa) keenyaatti facaafamanii akka biqilaniif –hudhaniis akka nu balleessaniif/ija godhachuu irraa akka nu ittisaniif--- yaalamaa oola.
Saanyiiwwan kunniinis, sanyii jibbaa , sanyii xuraa’ummaa bifa garaa garaa (ejja, hanna, soba, hawwii, amanamuu dadhabuu, oftuulummaa, jaalala biyya lafaa,…) fi dadhabbii gosa baay’ee dabalata.
Jara kana irratti dammaqanii maasii ofii eegachuu fi guyyaa guyyaatti aramuun garuu moo’ichaa akka gonfannu nu godha.
Moo’icha gonfachuu
Moo’icha gonfachuun egaa ofuma isaatii iyyuu ulfina guddaa ta’ee, eebbaa fi baadhaasa baay’eettis dabarsee nu kenna. Fakkeenyaaf, warri jibba mo’atan, jibba mo’achuun isaanii Waaqayyo birratti kan isaan kabachisiisu ta’ee, jibbicha mo’achuun isaanii jireenyi namootaa baay’ees fi kan dhalootaa akka inni yaada Waaqayyoo keessatti eegamu, Wangeelli Kiristoos illee qixaan akka lallabamu ni godha. Wangeelli qixaan lallabamee namoonni fayyuu isaaniitiif immoo, Waaqayyo badhaasa addaa warra mo’an kanaaf kennuufiif jira.
Egaa jireenya wal’aansoon guutuu kana keessatti namni Waaqayyoon beekuudhaan human moo’ichaa argata. Namni Waaqayyoon beekuu isaatiin jireenya moo’ichaa jiraatu immoo, haala silaa gadi isaan teessisu keessa taa’anii mul’ata isaaii jiraatu. Jireenya Waamicha isaanii/abjuu isaanii fiixaan baasuu fi dhugoomsus jiraatu.
Jireenyi Yoseef, fakkeenya gaarii tokko nuuf ta’uu ni danda’a.
Umurii dargagguummaan itti nama rakkisuu fi bakka iji nama isa to’atu kan biraan in jirretti (firri, waldaan, tajaajilaan,…) iddoo hundumaa jiraachuu fi waan hundumaa beekuu Waaqayyoo jireenya isaa keessaa qabaachuun isaa, affeerrii ejjaa akka inni tuffatu isa gargaareera. Ejja diduu Yoseefiif, humni gargaarsaa inni guddaan, amala Waaqayyoo beekuu isaa ti.
Tarii amala Waaqayyoo kana eenyutu jalqabaa hamma dhumaatti na barsiisaa laata jettanii warra yaaddaniif, jireenyi Yoseef fakkeenya gaarii dha. Amma haala fi jireenya inni keessa jiru keessatti waa’ee Waaqayyoo barsiisuu dhuufnaan maqaa Waaqayyo isa dhugaa iyyuu namoonni adda baasanii beekan hawwaasicha keessa waan jiran hin fakkaatan. Haa ta’u iyyuu malee, bara daa’immummaa isaatti, wanti inni abbaa is isaa irraa barate, akkaataan itti Waaqayyo jireenya isaa geggeessaa jiru hunduu madda baruma isaati turan jedheen yaada. Yeroo inni muraasa barate hojiirra oolchuuf ka’u, wanti guddaa inni argate, Waaqayyo isaa wajjin ta’uu Isaa ti. Waaqayyo immoo namaa Waajjin ta’ee jennaan Hafuurri isaa guddinaa gara guddinaatti, beekumsaa gara beekumsaatti nama guddisaa adeema.

Barsiisa Dubbii Waaqayyoo kana sagaleedhaan dhaggeeffachuu barbaaddu taanaan kan xuqaa (Please, click here for free audio)

Kutaa lammaaffaa "Icciitii moo'ichaaf" as xuqaa (Sagalee/ for free audio, for text)

Waaqayyo isin haa eebbisu!

1 comment: