Tokkummaa Qabaadhu!

Waaqayyoo sii wajjin tokkummaa barbaada!

Maqaanii fi hojiin Waaqayyoa ittiin of mul’isu kan amalaa fi eenyummaa isaa kan calaqisiisu dha. Jalqabaa jalqabee Waaqayyo wantoota hundumaa uumuudhaan Uumaa ta’uu Isaa mul’ise. Ergasiis cubbuu fi xuraa’ummaan mormuudhaan Qulqullummaa Isaa agarsiise. Kana malees, Waaqayyo qofaa isaa waaqeffamuunii fi jajamuun kan isaaf ta’u ta’uu Isaa, jireenya Waaqolii tolfamoo keessaa Abrihamiin waamuun agarsiise. Waamichi Abrihamiif ta’e kun (Ser.Um.12), Waaqayyo namootaa wajjin tokkummaa jiraataa qabaachuu akka inni barbaadus ni agarsiisa. Adeemsa jireenya Abriham keessatti immoo Waaqayyoo akkaata garaagaraatti itti kan of mul’ise yoo ta’e iyyuu,
inni guddaan tokko, Hundumaa kan danda’u (Elshaaday) ta’uu isaatiin ture. Waaqayyo isa hundumaa danda’u dha.



Amallii fi dandeettiin uumuu Waaqayyoo, qulqullummaa Isaa, fi namaa wajjin tokkummaa godhachuu barbaaduu Isaa amma illee itti fufee jira. Kana jechuun har’a iyyuu Waaqayyo inni hundumaa danda’u kun sii wajjin tokkumma godhachu barbaada. Siin eebbisee, adda sibaafatee achumaan karaa kee namoota baay’ee fi saba baay’ee eebbisuu barbaada. Ati tokkummaa Isaa wajjinii kana qabaachuu/jabeeffachuu ni barbaaddaa?

Jireenya kee har’aa borii keessatti immoo danda’aa ta’uu Waaqayyoo irraanfachuu kee irraa kan ka’ee, dhimma kee jiraachuun maleef awwaalteettaa laata? Kakuu fi eebbi kee waan si duraa du’e sitti fakkaannaan gattee/awwaaltee ykn dhiiftee bira darbaa jirtaa? Ani amma oduu gammachiisaan sitti hima; Misiraachoo! Waaqayyo inni hundumaa danda’u, isa sitti reeffa fakkaate kakuu kee fi dhimma kee irratti hojjetee jiraachisuu ni danda’aa! Haaluma marfamaa ati ofitti dhiyeessitee ilaaltee keessaa bahuu dadhabdu kana keessatti Waaqayyo daandii haaraa uumuu fi eebba/mul’ata keen wal biraan si ga’uu ni danda’a!

Ati garuu gara isaatti deebi’ii, Uumaa ta’uu Waaqayyoo, qulqullummaa Isaa fi dandeettii Isaa of yaadachiisi! Isa kanas ammuma godhi. Tokkummaa isaa wajjin qabdus cimsachuuf/haareffachuuf ammuma tarkaanfii fudhadhu. Siif amma illee abdii jabaatu jiraa! Lallaba kana guutummaa isaa dhaggeeffachuu yoo feeteef, harcaafadhuu (download) godhii tii dhaggeeffadhu.

Waaqayyo gooftaan guutummaa jireenya kee in eebbisa!

 

Dabalataaf http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm daawwadha

No comments:

Post a Comment