Ergaa guyyaa moo'ichaatis!

Hafuurri Waaqayyoo har'a maal dubbataa?

Jirenya keessatti akkuma guyyaan lolamuu baay'een jiru, guyyaan moo'ichaas jira. Keessattuu yeroo Waaqayyoo wajjin waliif galanii lolatti bahan moo'ichi danuu fi gosa gosaan kan of agarsiisu ta'a. Sababiin isaa kan dura deemee duulicha geggeessu Abbaan Duulaa Waaqayyo waan ta'eef.

Guyyaan moo'ichaa akkuma guyyaa qorumsaa/lollaa yeroo itti Waaqayyo fuula koo barbaaddadhaa jedhu dha. Guyyaan gidiraas ta'ee guyyaan qannoo Waaqayyoon barbaaddachuu ilaalchisee yeroo walqixxaataa dha. Yeroo hundumaa Waaqayyoon akka haaraatti barbaaddachuun waan nurra jiruuf. Hariiroo Isaa wajjin qabnus jabeeffachuuf dhamaatii hundumaa gochuunis waan nurraa eegamuuf

Addunyaan keessa jiraataa jirruu fi yeroon keenya kun yeroo balafasa fi balaa(risk and danger) baay'eef saaxlamaa nama godhu dha.Kanaafuu yeroo itti sirni of-fi wal- akeekkachiisuu jireenya namoota hundaa, keessattuu kan amantootaa keessatti bifa qabachuun kan irra jiru dha. Dursanii ilaalani of qopheessuudhaaf.

Waaqayyo balaa biyyaa fi sabatti dhufuuf jiru jalaa baasuuf guyyaa moo'ichaatti illee akeekkachiisa fi dinniina kenna. "Na barbaadadhaa jedha!" Namni Waan isa eeggattu hin beeku; inni argu, Waaqayyo garuu jaalalaan hubachiisuu fi qopheessuu barbaada.

Waaqayyoon barbaaddachuun gatii nama argachiisa. Gatichi garuu waanuma salphaa isa lafa kana irratti argannee fi mo'annee dabarru qofa miti. Eebba bara baraa nama hammachiisa waan ta'eef. kanaafuu, duris ta'e hara'a, Hafuurri Waaqayyoo, "Gatiin dadhabdanii Waaqayyoon barbaaddachuu keessanii amma illee jira waan ta'ee, jabaadhaa. Mogoleenis isin hin bu'in" jedha.(2 Seenaa Baraa 15:1-7)


Lallaba kana guutuusaa dhaggeefachuu fi har'a immoo Waan Gooftichi akkasitti isin jaallate kun dubbatu dhaggeeffachuu yoo feetan mee kana harcaafadhaatii dhaggeeffadha! Gooftaan isin haa eebbisu!

Download MP3 2chro. 15: 1-7


Dabalataaf http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm daawwadha

No comments:

Post a Comment