Ergaa har'aa: Maddatti siquun SI JIRAACHISA!

Madda jireenyaatti siquu!

Faarfatichi, "Burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina." jedhee faarfata (Far.36:9).

Isaayaasis yeroo Waaqayyo isin gidduu jiraatu, "isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbatu!"(Isa.12:3) jedhee raaja. Waaqayyos ofuma isaatii yeroo karaa Ermiyaas dubbatu, "Sabni koo jal'ina lama hojjete; ana isa burqaa bishaan jireenyaa ta'e dhiisee, qodaa bishaanii isa uraa isa bishaan baachuu hin dandeenye in tolfate" jedha (Erm.2:13). Waaqayyo madda jireenyii fi wanti jireenyaa barbaachisu hunduu keessa maddu dha!

Gooftaan Yasuus, warra isa gaafataniif jireenya isa Isa keessaa burqu kana akka kennuuf yeroo dubbatu."... silaa situ isa kadhata...Inni immoo bishaan yeroo hundumaa jiraatu siif in kenna ture". "Bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu, bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'aho" jedha(Yoh. 4:10;14).

Egaa wanti guddaan nuufis ta'ee addunyaa keenyaaf har'a barabaachisu yoo jiraate, isa Gooftaan Yasuus, "Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus!"(Yoh.7:37-39) jedhuu dhaga'uu dha. Itti dhiyaachuu, harkaa itti bal'isuu fi hafaan itti qabachuu! Yeroo barsiisaa tures yoo ta'e erga du'a injifatee gara Waaqaatti ol ba'ee bood, Yasuus dhala namaa kana gorsa, "Ani Alfaa dha, Oomegaadhas, isa jalqaati, isa dhumaatis; ani isa dheeboteef burqituu bishaani isa jireenya kennu irraa tola nan kennaaf. Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii itti hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu" jedhee (Mul'ta 21:6;22:7).

Egaa akkuma kaleessa nuuf ta'e har'as dheebuu keenyaaf deebii kan ta'u, gogii keessa keenya keessa jirus kan jiisu, lalisummaa itti baay'achaa adeemu akka qabnu kan nu taasisu Yasuusitti dhiyaachuu dha.

Yasuus immoo oo'a guddaa fi jaalala guddaa nuuf qabu irraa kan ka'e nuuf kennuuf qophaa'aa dha. Alli keenya dhabaa fi coolliggaa otuma fakkaatuu, keessi keenya garuu lalisaa adeema! Gooftichi yeroo waamicha godhe, waantoota jireenya har'aaf isin babaachisu isiniif kenna, rakkoo keessan har'aa irraan isin boqochiisa jedhe miti. Rakkoo dhaabbataa fi jireenya nama hundumaa keessatti hundee gadi fageeffatee jiru irraan isin fayyisa jedhe. Keessi fi lubbuun namaa yoo qabeenyaa har'aa fi barumsa guddaa argattan dheebuu baati miti, Uumaa ishee wajjin hariiroo gaarii yeroo qabaattu garuu lalisuu jalqabdi.

Baga kan Isaa taane! Baga Waaqayyo Waaqa nuuf ta'e! Namni hamma har'aatti Gooftaa Yasuusiin amantiidhaan gooftaa jireenya isaa hin godhatin jiru, kana dubbisaa jira yoo ta'e, dafee tarkaanfii akka fudhatun jalalaan gorsa. Dheebuu keenyaaf hundumaafuu Inni quufsaa dha waan ta'eef!

Ani Akkas jedheen kadhadha, "Yaa Waaqayyo isa madda jireenyaa taatee, sagalee kee isa yeroo hundumaa jiraatuun ofii kee madda jireenyaa ta'uu kee na beeksisuukeef sin galateeffadha. Dhugaan kun immoo yeroo hundumaa na duraa hin dhokatin. Yeroo itti biyyi lafaa "jiraachuu" waan fakkaatu baay'ee hordoftuu fi labsitu keessatti, yeroo jirenyi lafa kana irraa milk'aa fakkaatuu fi yeroo milkaa'aa fakkaachuu dhiisuttis, ati akka burqaa jireenya kennitu taate na duraa hin dhokatin!. Isan kanaan dura dhugaa kana wallaaluu fi dagachuudhaanis yaake naaf dhiisi. Dheebuu lubbuun koo qabdus argama keetiin dheebuu baasi. Akkuma ati, "Kottaa!" jette, Gooftaa Yasuus, anis dhufeera kunoo!Ameen."

Kadhata kana yoo jaallatan, akka isinitti toluttu qajeelfadhaatii kadhadhaa.

Waaqayyo isin haa eebbisu!

Odeeffannoo dabalataattif :
http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm daawwadha
 

No comments:

Post a Comment