Farfannaa 119: 114-117

Haala Rakkisaa keessatti Waaqayyoon Abadchuu!
Psalm (Farsaa) 119: 114-117

114 Ati anaaf golgaa kooti, gaachana kootis, ani dubbii kee abdiidhaan nan eeggadha. 15 Ani abboommii Waaqayyoo koo akkan eegutti, isin warri hamaa gootan, ana irraa fagaadhaa! 16 Ati akka abdachiiftetti qabii ana oolchi, lubbuunis anatti in deebitii; abdii koo dhabee akkan yeella'u hin godhin! 17Akkan oolutti ati na qabi, ani yeroo hundumaa ija gammachuutiin seerrata kee nan ilaala"
Akka naaf galetti egaa, Daawit waan akkas jedhu natti fakkaata:
114 a. Ati iddoo keessa dhokatan naaf taateetta--Namni waan sodaatu ykn jibbu hin qabne iddoo dhokataa hin barbaadu. Nama waa jalaa miliquu barbaadutu, iddoo dhokatanii milqan barbaada. Daawitis, jireenyi isaa lola baay'een marfamee yeroo jiru kanatti Waaqaayyoon, akkas jedha. "Ati golgaa kooti ykn iddoo itti dhokatanii oolan anaaf taateetta!" Kanaafuu si keessan dhokadhee hamaa jalaa oola; golgaa kee jala lixeen salphina jalaa dhokftama. Kanaaf diinonni qullaakoo fi qofaa koo na arganii natti hin ga'isan.

Tarii warra hammeenyaan isa gaadani fi isa barbaadantu itti baay'atee turee laata? Adamsitoota jireenyaa, adamsitoota amantii, adamsitoota eebbaa, adamsitoota mul'ataa...? warra xiyya ofii isaanii (gowwomsaa, hammeenya, hawwa hamaa, of-tuulummaa, irraa kaachuu, sossobbaa, doorsisa, abdii kutachiisuu...) baatanii isa barbaadan! Warra, "Meerre nama gargaarsa hin qabne kana, eessaan arganna?" jedhan.

Daawiti immoo, "Yaa Waaqayyoo koo, ani si keessan dhokadha" jedha. 'Atis harka warra deemsa fi tajaajila koo karaatti hambisuuf na gaadan kana jalaa na dhoksuuf ga'aa dha' jedhee abdii Waaqayyo irratti qabu mul'ifata


114 b "Gaachana kootis". Iddoodhuman dhokadhee jirutti iyyuu xiyya isaanii kan daddarbatantu jiru. Harkaan na qabachuu dadhabanii, xiyya arrabaa, xiyya jechaa, xiyya yaadaa, xiyya doorsisaa, xiyya abdii kutachiisuu,.. warra darbatantu jira. Haa ta'u iyyuu malee, ati akkan xiyya isaaniitiin hin miidhamne goota. Na hin bal'eessan, xiyyi isaanii lubbuu koo hin baasu. sababni isaa immoo "Ati gaachana" anaaf taateetta.

114 c Dubbii kee abdiidhaan nan eeggadha ---Daawit dubbii Waaqayyo irraa dha'ee garaa isaa keessa kuufate qaba. Kanaaf, yeroo lollii fi asaasi diinaa itti baay'atu kanatti dubbicha yaadata. kanaafuu,'Isa diinonni koo jedhanii ittiin na bal'eessuuf jedhan otuu hin ta'in, isa isaan ittiin amantiikoo iddoodhaa buqqisuuf jedhan otuu hin ta'in, ani jechan sirraa dhaga'en amana. Isatu naaf ta'a!' jedhee isa eeggata. 'Sagalee keetu fiixaan naaf baha. mareen diinota koo soba dha. Kakaan isaanii waawummaa dha. Anoo Isa kan keen eeggadha. Isa ati dubbatteenis nan jajjabadha! Baay'inni diinota koo fi baay'inni jecha isaanii hamma jecha tokkicha keetii hin ga'u. Sagaleen ati dubbattu isa diinonni dacha'anii irratti walii galanii murteessan diiga. Kanaaf dubbii keen abdadha. Dbbii keen eeggadha.' jedha.

115.b "Isin warri hamaa gootan ana irraa fagaadhaa!" Ani hammeenya keessanitti isinii wajjin walii hin galu. Ani maree keessan keessaa qooda fudhachuu hin barbaadu.Hammeenya itti yaaddanii warri qindeesitan, anaa wajjin hidhata qabaachuu hin dandeessan. Anaanis homaa iyyuu gochuu hin dandeessan. Golgamee, gaachanaan marfameen jira waan ta'eef. Kanaafuu, "Ana irraa fagaadhaa!" sokkaa! deemaa na biraa!
***Namni Dubbii Waaqayyoo dhaga'uu fi isa of keessatti eeggatu yeroo hundumaa diinota isaatii deebii kennu qaba.Doorsisoo fi abshaalummaa isaaniitinis hin fudhatamu. Ati duddbbii Waaqayyoo kudhaammattee? Isa dhageesses amantee?

115 a. "Ani abboommii Waaqayyoo akkan eegutti," Ani murteeffadheera. Karaa Waaqayyoo hordofee yeroo hundumaa deemuudhaaf, yaada Waaqayyoo koo raawwachuudhaaf, jal'ina irraa fagaachuudhaaf muroo godhadheeraa. Ani kan Waaqayyoo ta'eera. Ani Waaqayyoo wajjin waliif galeera. Ani seera Waaqayyoo irratti hin ka'u. Ani isa inni jedhe nan amana, nan abdadhas. Kanaafuu, na dhiisaa sokkaa!

Ergasii Daawit gara Waaqayyootti garagalee,

116 Yaa Waaqayyo koo, "Ati akka abdachiiftetti qabii na oolchi" Ani sin abdadhee. Ani dubbii keen qalbiitti qabadhee, inni ati dubbattes naaf raawwatama jedheen si eeggachaa jiraa.Utuman abdii koo of biraa qabuu iyyuu amma dachaatti gadi bu'een jiraa. Diinonni koo natti naanna'anii karaan dachaa keessaa itti bahan karaa hamminaa akka ta'e na gorsuu barbaaduu. Si irratti na guungumsiisuu fi siin wal na lolchiisuu barbaaduu. Isaan asii gadi na ilaalanii natti ga'isu waan ta'eef, ani gara keettaan iyyadha.

Dachaa ani amma keessa jiru keessaa ofii kootiin bahuu hin danda'u. As keessaa na baasa jedhee kanan abdadhus kan biraa hin qabu. Diinonni koo immoo kana sababii godhatanii ittiin na doorsisuu.

Yaa Waaqayyoo ko, ati garuu sagalee kee (dubbii kee isan garaa koo keessa dhokfadhe keessatti) akka na oolchitu natti himteetta. Si biraa sagalee abdiin qaba. Kanaaf, ofii keetiif jedhii, isa dubbatte yaadadhuutii ana iddoon itti kufee jiru keessaa ol na baasi. Iddoo itti hundumtuu karaa hamminaa fi jal'inaa na dhiisee na bira darbe keessaa kottuu na baasi.

116 b “lubbuunis natti deebiti” Amma haalli ani irra jiru lubbuu kootiif illee sodaachisaa dha. Doorsisoo fi ga’isoo narra jiru iraa kan ka’e lubbuun koo na keessatti dhiphatteetti. Utumaan si abdadhuu iyyuu humni koo garuu xiqoo akka ta’e beektaa. Kan biraa kan naaf ga’us waan hin jirreef, ati harka koo qabii tii lubbuu koo baraari.

116.c “Abdii koo dhabee akkan yeella’u hin godhin!” Ani dhiibuu fi rakkoo keessa taa’ee illee, sin abdadhaa. Si abdachuu koo irraa kan ka’e immoo karaa jal’inaa dideera; maree jal’otaatti waliif galuu dhiisee, isaanis na bira darbanii jiruu. Diinonni koos “egaa waanti abdatte kun maal akka siif godhu ni argina” jedhanii dhaadachaa jiruu. Ati dafii tarkaanfii naaf fudhadhu. Ati dafii na oolchi. Ati dafii sagalee kee naaf raawwadhu. Ani asuma taa’een si eeggadha malee lafan dhaqu hin qabuu tii, ati immoo akkan leenya’u hin godhin.

Diinonni koo, “Waaqa isaa abdatee ture, garuu isa gargaaruu hin dandeenye; kanaafuu dachaa rakkinaa keessatti hafe” akka isaan jedhan hin godhin!

**** itti fifii dubbifadhu.

Tarii jireenyi namicha kanaa eessatti kan kee waliin wal fakkaata laataa? Dhaabattee Waaqayyoon eeggachaa jiraachuu keetiin ga’isoon sirra ga’aa jiru jiraa laata? Waaqayyoon eeggachuun qixa itti boodatti hafuukee akka ta’etti sitti hasaasamu jiraa laata?

Yoo akkas ta'eef, ati immoo maal murteeffatte ree? Daawit, “dubbii keen abadiidhaan eeggadha!" Jedha. Ati maal jettaa?
Mee akka itti Daawit gaaffii lubbuu isaatiif deebii kennu, diinaaf deebii kennu, Waaqayyoon immoo itti kadhatu irra deebi’ii ilaali! Isa Waaqayyotti himamuu malu, diinatti hin himin!

EEbbifami!


Dabalataaf http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm daawwadha

No comments:

Post a Comment