Bara sodaachisutti harka Isa Jabaa jala lixuu!
Bara wanti hamaan baay’ee mul’atuu fi dhaga’amu, namni hundumtuu kallattii garagaraatiin waa’ee ofii isaa fi wabii (security) nagummaa offi isaa yaaduun waan hafu miti. Takka takka immoo, “amma hoo nan sodaadhe” yeroo itti jedhamu jira. Qilleensa’ee mana namoota baay’ee diigaa yeroo dhufu, raafamee bidiruu namoota baay’ee liqimsaa yeroo dhiyaatu, salphisaa fi gidirsaa yeroo dhufu, warri nuti silaa of oolchuu ni dand’u jennu of oolchuu dandahbanii yeroo arginu, “ani kana fuula duratti…” jechuutu jalqabama. Inni kun immoo dhaloota har’a jirru qofaa irra otuu hin ta’in namoota nu dura turan, gurguddoota namoota Waaqayyoo illee dabalatee qoraa kan ture dha.
Eliyaas nama guddaa ture. Waaqayyoo fi mootii akkasumas saba biyyaa guutummaa duratti nama beekamtii argate. Qarshii fi beekumsaan otuu hin taín jireenyaa isaatiin nama dhiibbaa uumuudhaan bahee muláte ture. Waaqolii namoonni baayée jilbeenfataniifiif jilba jilbeenfatu nama hin qabne ture. Haa taú iyyuu malee garuu, qilleensi doorsisoo fi ajjeechaa namootaa baayée olla isaatii galaafatee bare gara isatti yeroo achii as kaé, raafamuu jalqabe. “Bor yoowwana yoon si ajjeesuudhaabaadhe, waaqayyooliin ana haa ajjeesan!” - sagalee Ilzaabel(1Mot 19:2). Amma isuma maqaa dhahahatee qilleensa(doorsisaa) dhufe kana dura dhaabachuun isaaf salphaa hin turre. Kanaaf, ‘Baqachuutu na baasa’ jedhee kaé. Kitaabni Qulqulluun deebii Eliyaas doorsisoo kanaaf kenne akkasitti ibsa, “Yemmus Eliyaas sodaatee, lubbuu isaa oolfachuuf kaée in baqate; Yihuudaa keessaa mandaraa Beershaabaa yemmuu ga’e, naa’oo isaa achitti dhiisee, ofii isaatii lafa onaa keessa adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemee booddee, muka akka dhandhansaa tokko jala in taaé; achittis, ‘Ani abboota koo irra waanan hin wayyineef, amma na ga’aatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!’ jedhee in kadhate.” (1Mot 19:3).
Mee asitti sirriitti xiinxalla. Jireenya isaa keessatti akka waan wabii(security) dhabetti itti dhaga’ame. Hubadhaafii, doorsisoo duwwaatu bahe otuu hin taín, doorsisichi mana mootummaa keessaa nama dhiibbaa cimaa uumuu - haadha manaa mootii - biraa bahe. Isheen [Iizaabel] nama malteen ishee cimta dha. Isheen akka itti soba dhugaa fakkeessannii dhiiga qulqulluu itti dhangalaasan beekti. Isheen, Maqaa mootummaatiinis maqaa Waaqayyootinis nagadachuu hin galchitu, haxxummaa ishee gaafa bakkee baasu, Kitaabin Qulqullaaáan, “…isheen maqaa [mootii] Ahaabiin caaffata caaftee, maallattoo isaatiin mallatteesitee...” dhuga baatota sobaa qopheesitee, Naabut “utuu inni Waaqayyoo fi mootii arrabsuu dhageenyeerra” jechisiiftee ajjeesuu beekti (1Mot. 21). Yeroo Ahaab, hamaa yaadee safuudhaaf dhiisu, isheen namaa fi Waaqayyoon safeeffachuu hin beektu waan ta’eef daftee fiixaan baasuun beekamtuu dha. Isheen jalína ishee fiixaan baafachuuf yoo barbaadde, giiftummaa ishee dhiiftee, ejjutuus fakkaachuu ni beekti (2 mot. 9:30). Hmmm, ofumaa of kuultee dhamaati malee jalóotatti garuu yeroon itti dhufa (Erm.4:30). Egaa, Eliyaas gaafa doorsisoo, Izaabel irraa, “bor yoon si ajjeesuu baadhe” jedhu dhaga’e, baqacuun isaa nama hin dinqu.
Dhoorsisoon dhufe kun Eliyaasiin iddoo qofa gad-dhiisise otuu hin taane, miiltoo gachisiiseera, lafa onaa keessa qofaa deemsiseera, abddii kutannaa fi dadhabbiin of irra gad teessiseera akkasumas of abaarsiseera. Bara barri dukkanaaée namatti dhufu namni of tuffachuu fi of abaaruun itti salphata. Yeroo akkasii namni shaakala isa Waaqayyoon dhaga’uuf qabu ille lafa kaa’ee karaa mataa isaa irra waan bu’uuf, Waaqayyos waan isa rakkisuutti waliif gale itti fakkaata. Yaa fira ko, Waaqayyos haala keetti dabalamee waan si dhiphisuuf callise jiru sitti fakkaataa jiraa? Yoo akkas ta’eef, kan Waaqayyo callisaa jiruuf kun, situ hin gaafanne moo Waaqayyotu haalichaa wajjin waliif galee laata? Tarii immoo karaan kee ammaa kun karaadhuma ofii keetii laata, kan ati kaayoo fi Abbaa kaayyichaa iddoo tokkotti dhiiftee irra kaate?
Gaafa Eliyaas of miliqsuuf yaalii godhe hundumaa fixu, Waaqayyo ni dhufe. Siifis dhuma irratti Waaqayyo ni dhufa. Kompaasiin Eliyaas fi humni isaa muka dhandhasaa lafa onaa keessa dhaabattu tokko jalaan gahee isa dhaabe. Amma egaa inni akka itti nama geggeessuu fi gara itti nama geggeessu beeku Waaqayyo ni dhufe. Fiigichi isaa guyyaa tokkoo, gara gaara Waaqayyootti isa deebisuuf guyyaa afurtama fi halkan afurtama itti fudhachiise. Haa dheeratu iyyuu malee amma lafti dhaqan beekamaa dha (1Mot.19:4-8). Yeroo tokko tokko yaaliin nuti ofi keenyaa, otuu Waaqayyoon hin mariátin goonu, karaa nutti dheeressa. Karaadhuma guyya/halkan tokko deemantu, deemsa deebi’uun isaa yeroo dheeraa namatti fudhatu namatti fida. Otuu gara gaara Waaqayyoo hin dhaqin immoo hojii isa kaanitti fufuun hin danda’amu. Haa taú iyyuu malee, karaa dogongoraa kaleessa irra deemne irra, karaa isa dheeraa Waaqayyo irraa dhageenyee – lafa dhaqnu beekaa-deemnutu wayya.
Kana irratti wanti nuti dagachuun nurra hin jirre, eenyumti keenya iyyuu gaafa ‘qilleensi’ hammeenyaa buubisaa dhufu, dafnee ofiif falachuu barbaanna. Namoonni, “Maal godhuu? Eessa dhaqu? Ati waa’ee kanaa maal jetta?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan muraasa. Warrumti kanaan dura shaakala isaa qaban illee ni dagatu. Ariitii dha ka! Keessattuu, yeroo karaan furmaata fakkaatu banamee nu dura jiruu, gaaffii akkasii gaafachuun ulfaataa dha. Dafnee isa waan nu baasu nutti fakkaatu, isa 'arganne sana' irra sokkina. Yeroo akkasii kana, otuu Waaqayyo illee karaa kan biraa nutti dubbachuu baatee kan filannu baay'ee keenyatu jira!
Yeroon kana dubbadhu kaayyoon koo, dadhabbii Eliyaas nama Waaqayyo ykn immoo kan kee guddisee agarsiisuu miti. Garuu dhugaa tokko akka yaadatti qabannu barbaadeen. Innis, isa Irreen Waaqayyoo yeroo hundumaa nuu wajjin jiru! Waaqayyo hammeenya baraa jalaa nama ni baasa, hammeenyi baraa garuu harka Waaqayyoo keessaa nu butachuu hin dandaú! Waaqayyo harka jal’ootaa fi diinotaa jalaa ni oolcha; diinonnii fi jal’oonni garuu harka Waaqayyoo haqaaquu hin danda’an. Dhaadannoon isaanii qofti, fiixaan bahuu kaayyoo isaanii miti. Kan isin dhibu, Izaabel xoofoon isheen nama Waaqayyoof baattu ishee irratti deebi’e. Eliyaas, darbee waan hojjetu, baay’ee qaba. Dhuma irrattuu taanaan, inni gara bobaa Waaqayyo isaa dhaqe malee dhiigni isaa sarootaan hin arraabamne—kan ishee garuu sarootatu ishee nyaatee dhiiga ishee arraabe (2 mot. 9:30-).
Nuyi Waaqayyoo Wajjin waliif haa gallu, isa haa dhageenyu, dadhabbii keenyaa wajjinuu isa duukaa haa buunu malee, inni hirree ittiin nu oolchuu fi nu gargaaru qaba. Gooftaan inni fakkeenyummaa isaa akka fudhannu barbaadu- Yasuus – gaafa warri isa ajjeesuu barbaadan dhufan, “Innoo anaa, anaan qabaa. Isaan kun [duuka buutonni] garuu haa dhaqanii dhiisaa jedhe” (Yoh.18:8). Ofii of kennee, nuun nu oolche!
Gooftaan Yasuus hará iyyuu nu oolchuuf qophaaáa dha. Isa nuti miilla keenyaan, horii keenyaan, beekumsa keenyaan, firaan, qorannoo keenyaan, abshaalummaa keenyaanis jalaa bahuu hin dandeenye inni harka isaatiin nu oolcha. Keessattuu Waaqayyo bara kana keessatti warra kan isaa oolchuudhaan of in beeksisa! Yasuus nuu fi dhimma keenya harka ofii isaa keessatti qabatee jira. Harka isaa keessaa immoo kan nu butachuu dandaú hin jiru. Inni akkas jedheera, “Hoolonni koo sagalee koo in dhga’u, anis isaan beeka, isaanis na duukaa in buú. Ani jireenya barabaraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu.” (Yoh.10:27-28).
Harki Gooftaa harka amansiisaa dha. Harki kun nama gargaaruu, nama furuu, nama oolchuu, nama eeguu, bara fi haala keessa darbuun isaa nama rakkisu -- akka bara keenyaa kana-- keessa nama dabruu ni danda. Mee waa’ee ‘harka’/hirree Waaqayyoo fi humna isaa isa Macaafni Qulqulluun jedhu keessaa muraasa dubbifnee galaadhaaf haa kudhaammannu.
“Mootiin Gibxii irree jabaadhaan yoo giddisiifame malee, adeemuudhaaf akka inni gad isin hin dhiifne ani beeka”(bahu 3:19)
“… Waaqayyo irree jabaadhaan achii waan isin baaseef, guyyaa itti mana garbummaa biyya Gibxi keessaa baatan kana yaadadhaa! Yeroo kana waan raacitii qabu hin nyaatinaa!” (Bahuu 13:3)
“Waaqayyo immoo Museedhaan, ‘Mootichi [Fariyoon] harka koo isa jabaadhaan qabamee waan isaan [saba Waaqayyoo] gad dhiisuuf, inni biyya isaa keessaa iyyuu oofee akka isin baasuuf, amma irree koo isa cimaadhaan waanan isa irratti hojjedhu arguuf jirta.’ jedhe.” (Bahuu 6:1)
“Waaqayyo inni bara baraa kun iddoo jireenya keetii ti; irreen barabaraas isa jala jira, inni diinota kee si duraa in oofa, ‘Isaan balleessis!’ in jedha.”(K.Deebii 33:27).
“Hoolonni koo sagalee koo in dhga’u, anis isaan beeka, isaanis na duukaa in buú. Ani jireenya barabaraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu.” (Yoh.10:27-28).
“Kanaaf, Waaqayyo yeroon isaa yemmuu ga’u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa! Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa. Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaútti aadaa naanna’utti, nama liqimsu barbaadee in naanna’aa...warra amantiitti jabaatan ta’aa, seexanaan mormaas!” (1 Phex. 5:6-9).
Ani akkas jedheen kadhadha, “Yaa Waaqayyo, bara kana keessatti caalchiseen sitti of kenna, sittan baqadha, qalbiin koo fi garaan koo yeroo hundumaa fi haala kamuu keessatti siin tokkoffaa godhee haa filatu. Karaan inni kan kootii, karaa isa kankee natti hin caalin. Yaadaa fi jaalala kee hubachuuf yeroo hundaa na gargaari. Maqaa Yasuusiin. Ameen!”
Atis yoo sitti tole ofii keetiif kadhata kana kadhachuu dandeessa.
Waaqayyo Isin haa eebbisu,
Takiluu T Guutaa
Friday, January 08, 2010
barruulee walfakkaatoof
http://www.wordbloodspirit.myewebsite.com/ yookiis http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm

No comments:
Post a Comment