Abdii jiraataan Gaaddidduu du’aa keessatti nagaa namaaf laata!
Sagaleen Waaqayyoo abdiin nama hin leeyyasisu* jedha. Sababni isaa immoo inni abdii kenne amanamaa waan ta’eef*.
Jireenyi dhala namaa bu’aa ba’ii jireenyaa fi wal’aansoo gurguddaa baay’ee keessa drabaa jiraata. Keessattuu immoo warri waamichi Waaqayyoo jireenya isanii irra jiraachuu isaa beekan haalota rakkisoo baay’ee fi dhiibuu ykn gaaddidduu du’aa kan fakkaatan baay’ee keessa darbu.
Karan kunniin immoo yeroo hundaa akka namoonni kun darbanii hin ilaalle, darbanii hin yaadne, darbanii hin karoorsine kan godhudhan dha. Yeroo akkasii, marfamni jireenya keenya irratti ni heddumata. Sagaleen dhageenyus jireenya keenyaaf waanuma namoonni nu jajjabeessuuf jedhan, waanuma amaleeffatameef jedhamu godhamee nutty fudhatama. Faarfannaa, lallabni, kadhannaa, jajjabinni obbolootaa (tarii yoo jiraateef)waanuma nuti amaleeffanne tokko nutti ta’a. Sababni isaa inni jedhamu kun, haala nuti keessa jirruu wajjin walfudhataa (compatible) waan hin fakkanneef, “Nama biraaf hojjechuu danda’a; anaaf garuu...?” nu jechisiisu.
Yeroo akkasii hedduuminaan sagaleen keessa keenyatti dhageenyu isa alaa dhageenyu baay’ee caalaa barbaachisaa fi murteessaa ta’a. Sagaleen Waaqayyo biraa dhufee keessa keenyatti kuufame yeroo itti dhiibbaa uumudha yeroon kun. Sagaleen Waaqayyo irraa dhageenyee keessa keenya jiru, inni nuti “nuuf” jennee keessa keenyatti iddoo itti laanne akka hordaa galaanaa cimsee fi utubee nu dhaaba.
Inni keessa namaa dhokate kuufame badhaadhummaan Sagalee Waaqayyoo kun jireenya namaa baalaa bay’ee fi soda baay’ee irraa oolchuu isaa irra kan darbe iyyuu dukkana keessa dhaabannee ifa of fuula duratti akka arginu nu taasisa. Daawit faarfannaa isaa digdamii sadaffaa keessatti waa’ee isa kanaa dhugaa ni ba’a.
‘Ani bowwaa dukkanaa keessa yoon adeeme illee, ati naa wajjin jirta waan ta’eef hamaan narra ga’a jedhee hin sodaadhu’ jedha*. Waaqayyo isaa wajjin akka jiru beekumsi Daawit qabu badhaadhummaa guddaa keessa isaa isa gad-fagoo keessa dhokatee jiru dha. Naannoon isaa dukkana ta’ee yeroo itti mul’atu keessatti, haalli jiru immoo lubbuu isaatiifuu sodaachisaa yeroo itti fakkaatu keessatti wanti Daawit beeku tokko yoo jiraate, akka Waaqayyo isaa wajjin jiruu fi jiraachuun isaa immoo haala kana garasitti isa jiraachisuu akka dand’u dha. Abdiin keessa isaa marfama naannoo isaa bira darbee akka inni ilaalu isa godhe.
Wanti nuti irraa barachuu qabnu, Daawiti isaa wajjin jiraachuu Waaqayyoo mirkaneeffachuuf akka faarfannaa isaa kanaatti (23) waa’ee jireenya ammaa fi jireenya dhufuuf akka inni abdii qabaatu isa godhe. Jireenya ammaatiif, otuu diinoonni isa ilaalanii akka Waaqayyo ulfina isaaf qopheessuuf jiru abdata. Jireenya dhufuuf (isa lafa kana boodaa), immoo barbabaraan mana (argama) waaqayyoo keessa akka jiraatu abdata. Kana jechuun, abdii inni achii as gabaabaatti abdatu duwwaan ga’aa akka hin taanee fi inni barabaraan Waaqayyoo wajjin (mana Waaqayyoo keessa) jiraatan haalota ammaa garasitti waan jiru ilaalee nagaa akkanni qabaatu isa godheera. ‘Tullooni yoo hurgufaman, gaaronnis iddoo isaaniitii yoo socho’an, ani hin sodaadhu’* jedhee kan inni dubbaachuu danda’eefis isuma kanaaf. Abdiitu isa hin leeyyasisu*.
Abdii inni namaaf kennu sagaleen Waaqayyoo immoo jireenya namaa keessa jiraachuun wantoota yeroodhaaf qofa nurra ga’aniif jennee iddoo keenya akka hin gad-dhiifne nu taasisa. “Akkan si hin yakkineef, sagalee keen garaa koo keessa dhokfadhe*.
Namani abdii qabu, eegduu qaba. Jechoonni inni dukkana fi dhiphina keesatti dubbatus sakatta’amaa fi qoratamaa dha. Jechoota guungummii fi dhibaa’ummaa dubbatuuf illee namni akkasii otuu afaanii hin fixin keessaan boo’ee qalbii diddiirachuu jalqaba. Abdii isaa ilaalee, haalota har’a keessa darbuuf jedhee waan dubbatuuf godhuun bor yeellasifamuu hin barbaadu. Kun immoo abdiin isaa dhugaa fi kan hin hafne ta’uu isaa agarsiisa. Namni akkasii wanti namoonni ittiin jedhanii fi haala amma keessa jiru keessatti wanti inni godhu hunduu akka darbu beeka. Daawit waa’ee isa kanaas waan keessa darbe qaba*.
Yeroon isaa waamichaa fi dibata booda. Kakuu fi sagalee dibatichaa wajjin dhufe dhaga’uu booda. Gaafa dibatichi dhufnaan Daawit obboloota isaa fi namoota biyya isaa keessaa jiraatan keessaa filame, battaluma jijjiirama guddaa of irratti eeguun isaa hin hafu. Namoonis akkasumatti isa eegu. Haa ta’u iyyuu malee, inni kun Kallattii fi kaayyoo jireenya jijjiirsisuuf dhufe malee teessoo irra hin teesifne. Teessoo mootummaa irra taa’uuf garuu amma illee leen jiin hafee fi yeroon hafe jira ture. Yeroo kunis yeroo qophii ti. Siyaassa jiru baracguutu irra ture!
Yeroo qophiidhaaf hafe kana keessatti garuu Daawit wabii jiraachuu (security) waan qabu hin fakkaatu. Sababni isaa, iddoodhuma kaleessa maatii isaa wajjin jiraatu,--hoolaa isaa tiksaa—illee amma hin qabu. Maatiin isaas sababii isaaf rakkoo guddaa keessa bu’an. Biyya isaaf kenname keessa jiraachuun isatti rakkoo ture. Sababni isaa immoo Saa’ol mootichi inni amma bara qabu eeboodhaan, loltoota baay’ee of hordofsiisee mucaa adbdii qabu kana hordofa waan ta’eef. Bir’annaan jireenya Daawit weeraruu jalqabe. Oduun gara Daawit dhufu hunduu “Saa’ol asiin dhufaa jira! Saa’ol si ajjeesuuf barbaadamaa jirta! Haalli maatii keetii rakkoo keessa bu’eera! Ati amma dhimma mootummaa fi dibataa isa odeesitu sana dhiiftee lubbuu kee qofa baafachuuf baduutu sirra jira!” Kanaa fi kan kana fakkatan baay’ee dha.
Kanaaf, Daawit gaara mootii ollaa biyya isaa jiru tokkotti baqabtee baqataa ta’ee jiraachuu barbaade. Haa ta’u iyyuu malee sanyiin fi badhaadhummaan abdii keessa isaa jiru amma illee harka hin laanne. Kanaaf ija jabina guddaadhaan, ‘Waan Waaqayyo naaf godhu hamman barutti abbaa koo fi haadha koo biyya kee keessa naaf jiraachisi jedhee kadhate’*. Asitti wanti Daawitiif ifaa ta’ee mul’atu: Akka amma rakkoo guddaa keessa jiru fi akka immoo Sagaleen Waaqayyoo inni keessa isaatti iddoo qabatee jiru raawwatamuun isaa hin hafne dha.
Jireenyi hawaasummaa isaa kaleessaa waan miidhame, gammachuun isaa kaleessaa waan harkaa fudhatame, nagaan bahee galuun isaa kaleessaa akka itti fufee hin jirree yeroo ta’ee dukkanni kallattii hundaan itti marsutti Waaqayyo saglee dubbate akka raawatu abdata. Kanaaf, laga rakkinaa kana garasitti abdii raawatamufiif jiru qabaachuun isaa nagaa isaa iddootti eegaaf!
Yaa obboleessa/obboleettii hara’a barreefama kana dubbisuuf carraa argattee, tarii Waan gurguddaa Waaqayyo irraa kanaan dura dhageesse otuu qabduu dukkana keessa galtee, gola keessatti waan mucuruqfamtu fakkaattu keessa galtee jirta ta’a. Mee sakatta’i, abdii Waaqayyo siif kenne lakkaa’i. Abdiin Waaqayyo kenne nama hin leeyyasisu! Kanaafuu hin leeyyatu! Ati garuu qalbii fi yaada kee gara Waaqayyo kee isa abdii siif laateetti deebisi. ‘Waan Waaqayyo naaf godhu jira, amma baruu isaan dadhabe malee’ jedhii yaadi. Gaafa Waaqayyo isa si abdachiise raawwatu immoo, isa amma dhabde qofa otuu hin ta’in isa ati abjoottee hin beekne waan baay’eetu taa’ee si eega!
Amma fayyaa dhabdee? Amma harkatu si qal’atee? Amma hiriyaatu siif dhabamee? Amma waan ilaaltee itti gammadu dhabdee? Amma mul’ata si keessa jiru fiixaan baafachuuf hala mijataatu dhibee? Amma waan ilaalee ciigatuu fi jijjiiruu barbaaddee immoo akka isaa wallaalte qabdaa? Amma jireenya keetu wabii nagaan bahanii galuu dhabee? Amma jijjiiram silaa jireenya kee irratti eegdetu hin taanee?
Ani amma oduu gammachiisaan Maqaa Waaqayyootiin sitti hima. Inni Waaqayyo waa’ee keetiif dubbatee fi karoorse tokko illee hin hafu! Ati amma kan ati beektuu fi eeggattu wantoota muraasaa fi sammuu keetiin yaadamuu danda’u qofa. Waaqayyo garuu, isa “iji namaa hin argin, gurri namaas tasumaa hin daga’in, isa samuun namaa takkaa yaadee hin beekne” sii fi warra isa jaalltan hundumaaf qopheessee jira*. Ani fi ati amma yaadnee ‘waan akkasiiti’ jennee bira gahuu hin dandeenyu. Inni Waaqayyo jedhe garuu dhugaa dha! Lafa kana irrattis qoodi siif kaa’ame kanuma keeti. Dhaala siif kaa’ame si dhaalchisuuf Waaqayyo ofuma isaa si dura adeema.* Ati garuu Isaa wajjin wlaiif galaa adeemi.* Isa dhaggeeftaa socho’i. Isa Waaqayyo siin jedhe qalbii kee keessatti qabadhu.
Ani ofii kootii akkas jedheen kadhadha, “Yaa Waaqayyo, uumaa waan hundumaa kan taate, jaalala guddaa anaaf qabduuf sin galateefadha. Jireenya koo bara rakkinaa fi raafamaa keessa akka dabarsutti abdii sagalee kee isa naaf laattee na keessa jiruuf galatoomi. Dubbii kee irraatti akka barreeffamee jiru, furee ta’ee annaaf gara biyya lafaa isa dhufe Yasuus Kirstoosiif eebbifami. Namni isatti amanu jireenya barbaraa akka qabu sagaleen kee waan mirkaneessuuf, isaan immoo ana isa dadhabaa fuula kee duratti fudhatamaa waan na gooteef sin jajadha. Har’as sagalee kee abdadhee abdiin qabutti gammadaa jireenya moo’ichaa haalotan keesa darbuu fi darbuu qabu keessatti jirachuu akkan danda’u na gargaari. Maqaa Gooftaa koo fi fayyisaa koo Yasuus Kiristoosiin. Ameen.” Itti waliif gallaan bal’iftee kadhata kana kadhachuu dandeessa.
Waaqayyo si haa eebbisu
*Barreeffama kana keessatti luqqisiiwwan silaa barreeffamuu malan hambifamniiru. Kun immoo dubbistoonni macaafa qulqulluu keessaa akka barbaadaniif ni affeera. Yeroo isa dubbine kana Sagalee Waaqayyoo keessa dhugaa jiruu wajjin wal-qabsiifnu isa barbaadnee arganne akka yaadannu nu godha jedhameeti
Takiluu T. Guta
2/19/2010 10:38:18
http://www.wordbloodspirit.myewebsite.com/ yookiis http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm

Lucky Club Casino Site - 2021 All You Need to Know BEFORE
ReplyDeleteThe lucky club casino is an excellent destination for all those that luckyclub.live want something unique to them. It's the main attraction on our site. It's also