Waaqayyo maal sitti dubbate?

Kottaa of yaadachiifnaa!




Gaaf tokko Eeliin dargaggeessa mana Waaqayyo keessa bulee sagalee dhaga’e tokko gaaffii ‘salphaa’ gaafate. ‘salaphaa’ waanan jedheef, isuma dhaga’an dubbachuu waan ta’eef. Gaaffii xiinxallii (analysis) barbaadu gaafate miti. “Waaqayyo maal siittti dubbatee?” jedheen. Namoonni Waaqayyo dubbii isaa booda akka jiru beekan yeroo hundumaa gaaffii kana gaafatu. “Waaqayyo maal jedhee?”
Jireenyi keenya yeroo baay’ee raafama guddaa keessa galee argama. Raafamoota jireenya keenya argatan keessaa baay’een isaanii dagannaa “isa Waaqayyo nuunjedhe” irraa warra dhufan. Dagannaan’ inni ani jedhu kun irraanfachuu qofa miti. Sababa gargaagaraa irraa kan ka’e, lafaa kaasuu dhiisuus dabalata. Tarii, ‘maal naan jedhu’ dhaan, tarii sodaadhaan, tarii haala of irra caalchisanii ilaaluudhaan, tarii cubbuudhaan liqinfamanii ‘maal sichoo…’ jechuun, tariis diina dhaga’uun. Garuu dagchuu/dagfamuu!

Utuma beekanii garuu wallaaluu, utuma dhaga’anii garuu akka inni dhaga’amu gochuu dhiisuu. Eeliin, “Waaqayyo maal siitti dubbatee?” jedheen Saamu’eeliin.(1Sam. 3:17) Maaf dubbachuu dhiiftee, maaf ifatti baasuu dhiiftee, maaf labsuu dhiiftee, maaf afaan hin taaneef? Jechuudhaa laata? Innoo beekaa anatti dubbachuu dhiisee, ijoollee koottis dubbachuu dhiisee, lewwootaa fi luboota dhiisee sitti dubbatee, ati immoo maaf isa inni jedhu hin jettuuf? Maaf afaan hin taatuuf?
Gama biraan immoo Waaqayyo ofii isaatiin, Iyyaasuutti yeroo dubbatu, “Ani si hin abboomnee?” jedhaan. ‘ANi sitti hin duubbannee, sitti hin himnee, si hin akeekkachiifnee?” jechuu isaati. Kan nama dhibu, otuu Waaqayyo fuulaa fuulatti Iyyaasuutti dubbatuu reef (1:1-) argina. Yoom itti dubbateree? Kee.deebii 31:7-8 irratti karaa Musee- nama Waaqayyoo- itti himeera! Dubbichi dubbii Musee fakkaata. Haa ta’u iyyuu malee, yaadichi yaada Waaqayyoo akka ta’e garaa Iyyaasuutti dubbatamee ture. Garaan Iyyaasuu yaadicha beeka. Fudhateeras. Garuu, haala isaatu amansiisaa miti, hojii isaa isa haaraa kanatu cimaa dha, jireenya amma itti waamame kanatu nama qora.Mitii? Eeyyee, Waaqayyos kanaaf dursee dubbatem! Isa dubbate immoo ni hordofa.


Waaqayyo cimina haala keenyaa fi gaarota nu marsanii hordofuu hin dhufu. Waaqayyo kan inni yeroo mara dhufu, Isa dubbate hordofuufi. Kanaafidha, Gooftaan Yasuus, sagaleen nuti dhageenyu waan ta’uuf jirruuf murteessaa akka ta’e cimsee kan inni hubachiise. “Sagalichumaan isinitti faradama” jedhaan warra tuffatanii bira darbaniin. Sagalee koo eegdeetta waan ta’eef ani immoo sin oolcha jedha warra jabeessanii qabataniin immoo. Hammam humni isaanii laafaa yoo ta’e illee warra sagalee isaa garaa isaanii keessatti qabatan Waaqayyo gargaaree Lafa yaada isaan gahuuf ni dhufa.


Mee Waldaa cimina ofii ishee hin qabne tokkoon waan Yasuus ittiin jedhu haa dhaggeeffanu, “Ani hojii kee beeka; ati humna xinnooqabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne….Ati dubbii koo isa obsaan danda’uu sirraa barbaadu waan eegdeef, anis immoo yeroo qoramsi guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufutti isa jalaa akka baatuuf sin eegaa.” (Mul 3:8, 10) kan nuti asi irraa barru, Waaqayyo, ‘humna hammamii qabdii?’, ykn ‘guutummaa biyya lafaan wal bira yeroo qabamtu hammam geessii?’ isa jedhu madaala miti. [Yeroo baay’ee, wanti baay’atee naannoo keenya guutee jiru, waan namoota baay’eedhaan deggaramuuf sirrii godhamee yeroo fudhatamutu callaqisa.] Waaqayyo isa baay’een deggaran duukaa jiraachuu dhiisuu ni danda’a. Sagalee isaa garuu ni hordofa. “Waaqayyo maal siin jedhe”?


Namoonni Waan Waaqayyo isaaniin jedhe of yaadachiisan, makachuu tasumaa tole hin jedhan. Akka Daani’eel faa. “…akka of hin xureessineef garaa murate” (1:8) jedhaan Macaafni Qulqulluun.
Waan mootii moototaa inni ta’e Waaqayyo itti dubbate warri yaadatan, mootota duratti humna godhatu. Mee akka itti Pheexiroosfaan Sagalee kanaan dura dhaga’an amma illee akka waan reef dhaga’aa jiraniitti dubbatan kana yaadaan haa qabnu, “Waaqayyoon dhaga’uu irra, kan keessan dhaga’uun Waaqayyo duratti qajeelaa yoo ta’e, isinumti faradaa” (HoE 4:19).
Egaa Waan Waaqayyo nuttu dubbate qalbii keenya keessaa qabaachuun nu gargaara. Sagalee Waaqayyoo is nu keessa jiruun wal’ansoo nutti dhufu baay’ee ni moona! Cubbuu irrattis humna ni godhanna!


Tarii inni nuti dhageenye, nuuf galuu dhiisuu danda’a ta’a, tarii waan yeroo fudhatu ta’a ta’a. Qablii keessa akka Maariyaam kaa’anii eeggachuun gaariidha. “Maariyaam garuu dibbii kana hundumaa garaatti qabattee itti yaaddi turte” (Luq 2:19). Waaqayyo maal sitti dubbatee?


Ani akkas jedheen kadhadha, “Yaa Waaqayyo, sagaleen kee yoo obsaan eeguu nama gaafta ta’e illee, yoo haalan yeroodhaaf keessa jiru irra kan ka’e waan fakkaatu miti ta’e illee, akkan hin daganne, akkan hin tuffanne, akkan buusee bira hin dabarres ayyaana keetiin ana gargaari. Ameen!”


Tekluu T. Guutaa
12/17/2009 12:32:02 AM
Oddeeffannoo dabalataatiif:

No comments:

Post a Comment