OF DHOKSE MALEE WAAQAYYO JIRA!
Waaqayyo dhgumaan waaqa of dhoksu dha. (Isa.45:15) Of dhoksa malee garuu Waaqayyo hin badne, hin badus. Inni jira. Namni gowwaan gatii Waaqayyo akka inni eegetti hin mul’atneef ogummaa mataa isaatiin barbaadee waan isa dhabeef—“hin jiru” jedha. “ Gowwaan garaa isaatti Waaqayyo hin jiru jedha” (Far 14:1; 53;1) Waarri Waaqayyoon dhugumaan beekan immoo Waaqayyoo of dhoksuu akka danda’u beeku. Garuu in kadhatu. Fakkeenyaaf Daawit, Far.44:24 irratti, “Ati maaliif fuula kee dhoksitaa?” jedha. Achitti warri kaan yeroo isaa fi warra isaa wajjin jiran hacuucan, yeroo innii fi warri isa fakkaatan immoo gadadaman, Waaqayyo cal jedhee ilaala. Ykn Waaqayyo maal hojjechaa fi dubbachaa akka jiru eenyu isaanii iyyuu hin dhaga’an. Warri hacuucanis itti fufanii hacuucu, warri hacuucamanis itti fufanii hacuucamaa jiru. Gaaffiin Daawwit akka warra kaanii, ‘Waaqayyotu dhibee’ miti. Garuu, maaliif of hin mul’iftuu dha. Jiraachuu isaa mamuuf garuu inni gowwaa hin turre.
Iddoo biraatti immoo, “Karaan kee galaana keessa, daandiin kee bishaan gurguddaa keessa darbe, ejjennaan faana kee garuu hin argamne” jedha (far. 77:19). Asittis immoo akka Waaqayyo isaaf deemaa jiru, akka inii hojiirra jiru Daawit ni hubata. Isa hubatu kana garuu namoota biraa hubachiisuuf hin dandeenye. Namoota biraatti kun mul’ataa miti. Inni inni hafuura isaa keessatti hubatu, qaxxisa/kottee miilla Waaqayyoo iddoo namni itti hin eegne keessatti Daawit dhaga’aa jira. Kun namaaf hin galu. Kanaaf gara Waaqayyootti deebi’ee, “faana keetu mul’achuu dideem, akkam godheen namootatti, ykn akkam godheen diinota kootti agarsiisaa? Akkamittan, ‘elaa Waaqayyo deemsarra jira’ ittiin jedhaa? Maaliif wanti ati gochaa jiru kun dhokatee?” jedhee Waaqayyoon gaafata.
Warri Waaqa tolfamoo qaban yeroo agarsiifatan, yeroo isaan ittiin dhaadatan, warri adunyaa har’aa kan isaanii godhatan yeroo ittiin dhaadatan, amantii namoota Waaqayyoo iddoodhaa wanti sochoosu baay’ee dha. Warri kaan, egaa, waan argamu kana duukaa fiigu: waaqa argamu, jireenya argamu, gammachuu ammaa, ulfina ammaa, maqaa har’aa, … Isaayaasis bara isaatti kun isa mudachuun isaa hin hafne. Akkas jedha,’ turaa mee nan eegaa’. ‘maaltu hafee, maaltu jira? Hunduu si gatee sokkeem!’ lakki, “Waaqayyo isa fuula isaa mana Yaayqoob duraa dhokse nan abdadha, isas nan eega” (8:17). Namni hundumtuu ‘dur hafe Waaqayyo’ jedhee, yeroo fiigu, Isaayaas immoo, “fuula isaa dhokse malee jira, ani isan eeggadha” jedha. ‘Yoo fuula isaa dhokse iyyuu inni isa eeggachuukootiif na hin yeellaasisu. Kanaafuu ani kan biraa gaafachuu hin dhaqu (8:18)’ waan jedhu fakkaata. Jira Waaqayyo!
Yeroo akkasii kana Waaqayyo immoo maal jedhaa laata, Yeroo Isiraa’el ’meerre Waaqayyoon nan dhabe hoo jedhu?’--Akka cubbuu jibbee fuula isaa irraa achi garagalche dubbata. Maaliif ilaaluu didee? Waaqayyo ni farada. Cubbuutti ni farada. Yeroo deebi’uu fi yeroo araaraa saba isaatiif kennuuf jedhee fuula isaa achi garagalcha. Yeroo baay’ee garuu namni hin hubatu. Innumtuu akkas jedha, “Bu’aa garmalee argachuu isaatiin sababii yakkeef, ani isatti dheekkamee isa nan adabe, aarees fuula koo isa irraa nan deebise; kana keessaa immoo didee karuma ofii isaatii irra in bu’e” (Isa 57:17). Fuula isaa achi garagaleche jechuun garuu nu hin argu, warra kan isaas achumaan irraanfate jechuu miti. Akka Daawit, warra ‘maal ta’ee of dhoksee?’ ittiin jedhaniin, lakkoo 18 irratti akkas jedha, “ani karaa isaa argeera, garuu isa nan fayyisa, isa nan geggeessaa, deebisee isa nan jabeessa” [mogoleen isaa, waan argee fi dhaga’een isa raafamee ture, jal’ina biyyichaa fi laficha, saba isaa gidduu guuteen isa dadhabe kana deebiseen jabeessaa’ jedha Waaqni araaraa. Safuudha isaaf!
Karaan isaa namaaf hin galu. Inni of dhoksa. Garuu booda immoo ijoollee isaatii of mul’isa., Gooftaan Yasuus, bartoota isaatiin, “Waan ani godhu kun amma isiniif hin galu, booda garuu ni hubattu” jedhe (Yoh.13:7). Phaawuloos immoo dhoksaa Waaqayyo keessa jiruu fi badhaadhummaa beekumsa isaa isa namni tokko illee faana dhaheee bira hin geenye kana ni jaja. Akkas jedhee, “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddataa! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaataa! AKka inni itti murtoo godhu namni bira hin ga’u! Karaa isaa namni faana dhahee hin hubatu!” (Rom:11:33-34).
Dhugumaan Waaqayyo Waaqa of dhoksu dha! Of dhokse malee jiraachuu, arguu fi hojjechuu hin dhiifne!
Kun kadhata kooti: Yaa Waaqayyoo ani, yoo karaan kee fi hojiin kee amma naaf hin galu ta’e illee, akki ati itti hojjechaa jirtu naaf galuu didee, waan ati dhabamte yoo natti fakkaate illee, akkan keessa kootti, hafuura kootiin tarkaanffii kee duukaa bu’u na gargaari! Ameen.

Teklu T. Guta
Tuesday, November 17, 2009, 11:16:30 PM
Tuesday, November 17, 2009, 11:16:30 PM
Odeeffannoo Dabalataaf
No comments:
Post a Comment