Waaqayyoo sii wajjin tokkummaa barbaada!
Maqaanii
fi hojiin Waaqayyoa ittiin of mul’isu kan amalaa fi eenyummaa isaa kan calaqisiisu
dha. Jalqabaa jalqabee
Waaqayyo wantoota hundumaa uumuudhaan Uumaa ta’uu Isaa mul’ise. Ergasiis cubbuu
fi xuraa’ummaan mormuudhaan Qulqullummaa Isaa agarsiise. Kana malees, Waaqayyo
qofaa isaa waaqeffamuunii fi jajamuun kan isaaf ta’u ta’uu Isaa, jireenya
Waaqolii tolfamoo keessaa Abrihamiin waamuun agarsiise. Waamichi Abrihamiif
ta’e kun (Ser.Um.12), Waaqayyo namootaa wajjin tokkummaa jiraataa qabaachuu
akka inni barbaadus ni agarsiisa. Adeemsa jireenya Abriham keessatti immoo
Waaqayyoo akkaata garaagaraatti itti kan of mul’ise yoo ta’e iyyuu,