Gooftummaan kiristoos itti fufee lallabama

Wangeelli Kiristoos warra dhaga'anii fudhatinan hunndaafuu fayina fida. Kanaafuu, hojiin wangeelicha labsuu kallattii danda'amu maraanuu itti fufa.

Tajaajilli Sagalicha Dhiigicha Hafuurichaa marsariitii koo bifa haarawaan hojjetamaa jjiruun itti fufa. Kabajamtoonni dubbiftootaa na hordofuuf fuullota kanneen daawwaadhaa.
Main site
Dubbissa dabalataaf
Tajaajila sanbataaf (Amaariffa an) 

Eebbifamaa!

Immaammaa Tsahaay Tolasaa du'aan lafa kana irraa boqotan


It was a saddening news to hear that Mrs. Tsehay Tolessa a mother of Kulani, Aster, Lensa and Boru Gudina and the widow of late Rev. Gudina Tumsa passed away on 12 October 2014.
Photograph taken in 2008

Regardless of the loss of her dear husband, Rev. Guddinaa Tumsaa, and 10 years of torturing and imprisonment by the Ethiopian dictatorial military regime in 1980s, Aadde Tsehay remained faithful to her faith, belief and to her people.
As most people call her, Mother Tsehay was exemplary for her kindness, love for people, and endurance in times of trials and persecutions. We all miss Aadde Tsehay but she will be remembered for what God has done through her always.


 --------------------------------------------------------


 Kiristoosiin amanachuu fi ariyatama keessatti dhaabachuudhaan dhaloota amma jirruuf fakkeenya gaarii kan ta'an Aadde Tsehaay Tolasaa dhalatanii waggaa 84ffa isaaniitti Onkolooleessa12, 2014 du'aan lafa kana irraa boqotanii jiru.....bal'inaa oduu kanaaf  

Tokkummaa Qabaadhu!

Waaqayyoo sii wajjin tokkummaa barbaada!

Maqaanii fi hojiin Waaqayyoa ittiin of mul’isu kan amalaa fi eenyummaa isaa kan calaqisiisu dha. Jalqabaa jalqabee Waaqayyo wantoota hundumaa uumuudhaan Uumaa ta’uu Isaa mul’ise. Ergasiis cubbuu fi xuraa’ummaan mormuudhaan Qulqullummaa Isaa agarsiise. Kana malees, Waaqayyo qofaa isaa waaqeffamuunii fi jajamuun kan isaaf ta’u ta’uu Isaa, jireenya Waaqolii tolfamoo keessaa Abrihamiin waamuun agarsiise. Waamichi Abrihamiif ta’e kun (Ser.Um.12), Waaqayyo namootaa wajjin tokkummaa jiraataa qabaachuu akka inni barbaadus ni agarsiisa. Adeemsa jireenya Abriham keessatti immoo Waaqayyoo akkaata garaagaraatti itti kan of mul’ise yoo ta’e iyyuu,

Waaqayyo Nama Isaa ni kabaja!

Ati nama Waaqayyoo ta'uu of shaakalchiisi. Inni immoo waan nama Isaa taateef si kabajaa! Waaqayyo namoota Isa dhaga'anii fi Isaaf abboomaman, namoota immoo dhimma isaanii hundumaatiif Isa amanatan raawwatee hin gatu.

Ifni keessan Namoota duratti haa ifu!


(Audio) Kadhata [kan ittiin jalqabame]
“Yaa Waaqayyo Gooftaa! Sabni kee warri si barbaannu, warri si dheebonnu,; ati lubbbuu keenyaa, jireenya keenyaaf dhaloota keenyaafis ni barbaachifta jennee fuula Kee duratti dhiyaannee jirra. Ulfina kee isa guddaadhaan, Hafuura keetii fi dhiibbaa Waaqummaa keetiinis gidduu keenyatti akka argamtu si kadhanna, jaalala kee nuuf haa ta’u!

Waaqayyo Amanamaa dha

Abdachiifamuun Maal? of kennuu qaamni tokko isa biraadhaaf gochuuf fedhee keessa galu dha.
Namoonnis ta'e Waaqayyo namoota ni abduachiisu, Seexanni illee. Garuu inni kan namaa haalotaan jijjiiramuu ni danda'a. Inni kan Seexanaa sobaa fi gowwoomsaan kan guute dha. Waan har'a mul'tauun waan caalu nama harkaa buusiif yaalii inni godhu dha. Kanaaf kan isaan kana lamaanii amachuun nama rakkisa. Waaqayyo duwwaatu akka abdachiisetti waan abdachiise fiixaan baasuuf dandeettii fi aangoo isaa qaba.

Icciitii Moo'ichaa

Gaafa ati Waaqayyoo wajjin taatu, ykn gaafa Waaqayyo sii wajjin ta’u, Waaqayyotu diina diinota keetii ti.

Itti gaafatamummaa jireenya kee hundumaa Waaqayyo waan fudhatuuf, jireenyi kee wabii jireenyaa qabaachuu isaa qofa otuu hin ta’in, jireenya moo’ichaa argachuun kee dabalaa adeema.

Tarii wantoonni ati jireenya kee har’aa borii keessatti mo’achuu barbaaddee wal’aansoo ittiin qabdu, haa ta’u iyyuu malee hamma ammaati dabaree wal-mo’ataa jiraattan, tuujuba Waaqayyoon beekuu keessa gaafa ati lixxu, miilla kee jalatti argita. Waaqayyoon beekuun kee moo’icha kee ta’a.

Icciitii Moo'ichaa k2ffaa(fulltxt)

Yeroo ati Waaqayyoo wajjin waliif galtu, diinonni kee diinota Waaqayyoo ti.
Ati immoo argama Waaqayyoo keessa jiraatta. Argamni Waaqayyoo iddoo jirutti immoo maaltu ta’a beektaa? Diinonni kee ofumaan gubachuu jalqabu. Far.21:8-12 dubbifadhu! “Yaa Waaqayyo],… yeroo ofii kee argisiiftutti gubaa akka iddoo ibiddaa [lafa itti sibiila baqsan] isaan[diinota koo] ingoota; Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan in fixa. Ibiddis xaph isaan in godha.”(lk9) Argitaa? Of agarsiisuun Waaqayyoo ykn argamni Waaqayyoo qofti diinota baqsa!

Bara si Fuulduraaf Kakuu qabda

Kakuu fi Eebba Waggaa Haaraa
Waggaan haaraan kun kan eebbaa gammachuu fi durree moo’ichaa irra daangaa malee gulufuu isiniif haa ta’u! Sagaleen Waaqayyoo glaana eebba haaraa, kan isin tarii kanaan dura guutummaatti hin dhandhaminii isiniif fidee dhufeera. Sagalee Waaqayyoo kana keessa, kan ittiin waggaa haaraa kanatti itiin seentanii fi kan boroota saniin booda ittiin jiraattaniif ta’u, kakuu jabaatu isiniif jira. Baga gammaddan!

Icciitii Moo'ichaa Kutaa1ffaa(fulltxt)

Waaqayyoon beekuudhaan Moo’icha gonfatta!(dhaggeeffachuuf) (Uum.40:8)
Beekumsa.
- Beekumsi wantootaa dhimmoota/haalota gadi fageessanii hubachuu fi dhiibbaa inni uumuu danda’u xiinxalanii ilaaluun wal qabataa dha.
- Namni tokko beekaadha yeroo jedhamu, waa’ee waan beeku sanaa warra gaaffii qabaniif ibsuu ni danda’a. Waan beeku sanaan immoo ofii isaa fi warra kaanis fayyadamoo ni godha.
- Beekumsi akkasii kun isa waraqaa raagaa qabaachuu bira darbu dha. Isa maqaa fi beekamtii namoota biraa irraa itti fudhachuu bira ni darba.
- Beekumsi gadi fagoon yeroo baay’ee jireenya nama beeku sanaa wajjin walfudhachuu isaa irraa kan ke’e dhimmoonni sanaa wajjin wal qabatan, akkuma salphaatti hiikamaaf.

Kottaa ni jennaa!

Maqaan Waaqayyoo har'as haa qulqullaa'u!

Gooftaan Yasuus barsiisa isaa keessatti, "Yeroo kadhattan, 'Yaa abbaa keenyaa Waaqarra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa'u...Amen' jedhaa kadhadhaa" jedhee barsiise. Maqaan Waaqayyoo yeroo hundumaa ulfinaa fi qulqullinaan eegamuu barbaada. Eenyu keenyatu maqaa ofii isaa badee fi xuraa'ee arguu fi dhaga'uu barbaadaa? Yoo yeroo baay'ee maqaa namaa bal'eessuun salphaatti fudhatama ta'e illee, maqaan keenya immoo kabajamee fi ol kaafamee akka dubbatamu barbaanna.

Ergaa Waggaa Haaraa!



Wagaan kun kan gammachuu fi eebbi dhugaan jireenya kee keessatti heddumatu, kan boqonnaa dhugaa itti boqottu, akan abdii haara’ee fi mul’ata jiraatu keessatti horattu sii fi namoota ati jaallatt hundumaaf haa ta’u! [Yoo sitti tole hiriyootaaf firoota jaallattuuf errgaa Waggaa haraa kana dabarsuufiin hin badu].

Yeroo barri tokko bara biraatti darbu, dursees ta’ee isa booda wanti amaleeffatame tokko hojii ofi ilaaluu fi karoora gara fuula duraa baafachuu dha.Mootonnis ta’ee jaarmiyaaleen garagaraa

Ergaa har'aa: Maddatti siquun SI JIRAACHISA!

Madda jireenyaatti siquu!

Faarfatichi, "Burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina." jedhee faarfata (Far.36:9).

Isaayaasis yeroo Waaqayyo isin gidduu jiraatu, "isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbatu!"(Isa.12:3) jedhee raaja. Waaqayyos ofuma isaatii yeroo karaa Ermiyaas dubbatu, "Sabni koo jal'ina lama hojjete; ana isa burqaa bishaan jireenyaa ta'e dhiisee, qodaa bishaanii isa uraa isa bishaan baachuu hin dandeenye in tolfate" jedha (Erm.2:13). Waaqayyo madda jireenyii fi wanti jireenyaa barbaachisu hunduu keessa maddu dha!

Ergaa guyyaa moo'ichaatis!

Hafuurri Waaqayyoo har'a maal dubbataa?

Jirenya keessatti akkuma guyyaan lolamuu baay'een jiru, guyyaan moo'ichaas jira. Keessattuu yeroo Waaqayyoo wajjin waliif galanii lolatti bahan moo'ichi danuu fi gosa gosaan kan of agarsiisu ta'a. Sababiin isaa kan dura deemee duulicha geggeessu Abbaan Duulaa Waaqayyo waan ta'eef.

Guyyaan moo'ichaa akkuma guyyaa qorumsaa/lollaa yeroo itti Waaqayyo fuula koo barbaaddadhaa jedhu dha. Guyyaan gidiraas ta'ee guyyaan qannoo Waaqayyoon barbaaddachuu ilaalchisee yeroo walqixxaataa dha. Yeroo hundumaa Waaqayyoon akka haaraatti barbaaddachuun waan nurra jiruuf. Hariiroo Isaa wajjin qabnus jabeeffachuuf dhamaatii hundumaa gochuunis waan nurraa eegamuuf

Farfannaa 119: 114-117

Haala Rakkisaa keessatti Waaqayyoon Abadchuu!
Psalm (Farsaa) 119: 114-117

114 Ati anaaf golgaa kooti, gaachana kootis, ani dubbii kee abdiidhaan nan eeggadha. 15 Ani abboommii Waaqayyoo koo akkan eegutti, isin warri hamaa gootan, ana irraa fagaadhaa! 16 Ati akka abdachiiftetti qabii ana oolchi, lubbuunis anatti in deebitii; abdii koo dhabee akkan yeella'u hin godhin! 17Akkan oolutti ati na qabi, ani yeroo hundumaa ija gammachuutiin seerrata kee nan ilaala"
Akka naaf galetti egaa, Daawit waan akkas jedhu natti fakkaata:
114 a. Ati iddoo keessa dhokatan naaf taateetta--Namni waan sodaatu ykn jibbu hin qabne iddoo dhokataa hin barbaadu. Nama waa jalaa miliquu barbaadutu, iddoo dhokatanii milqan barbaada. Daawitis, jireenyi isaa lola baay'een marfamee yeroo jiru kanatti Waaqaayyoon, akkas jedha. "Ati golgaa kooti ykn iddoo itti dhokatanii oolan anaaf taateetta!" Kanaafuu si keessan dhokadhee hamaa jalaa oola; golgaa kee jala lixeen salphina jalaa dhokftama. Kanaaf diinonni qullaakoo fi qofaa koo na arganii natti hin ga'isan.

The KEY

The Resurrected One has the Key!

Dear visitor, do you have something you needed, but sadly find it locked and totally inaccessible to you, even its ways are shut with an ‘iron gate’? Because of where you are in life, do you feel as if you are locked-in, without knowing where the key is? Here I have a good news!

I know someone; He is my closest of all friends, and is related to me well. He has been faithfully dealing with me and many others throughout the world to solve their problems. Once you get to

Abdii JIraatu

Abdii jiraataan Gaaddidduu du’aa keessatti nagaa namaaf laata!
Sagaleen Waaqayyoo abdiin nama hin leeyyasisu* jedha. Sababni isaa immoo inni abdii kenne amanamaa waan ta’eef*.

Jireenyi dhala namaa bu’aa ba’ii jireenyaa fi wal’aansoo gurguddaa baay’ee keessa drabaa jiraata. Keessattuu immoo warri waamichi Waaqayyoo jireenya isanii irra jiraachuu isaa beekan haalota rakkisoo baay’ee fi dhiibuu ykn gaaddidduu du’aa kan fakkaatan baay’ee keessa darbu.

Harka Isa Jabaa jalatti baqachuu!

Bara sodaachisutti harka Isa Jabaa jala lixuu!

Bara wanti hamaan baay’ee mul’atuu fi dhaga’amu, namni hundumtuu kallattii garagaraatiin waa’ee ofii isaa fi wabii (security) nagummaa offi isaa yaaduun waan hafu miti. Takka takka immoo, “amma hoo nan sodaadhe” yeroo itti jedhamu jira. Qilleensa’ee mana namoota baay’ee diigaa yeroo dhufu, raafamee bidiruu namoota baay’ee liqimsaa yeroo dhiyaatu, salphisaa fi gidirsaa yeroo dhufu, warri nuti silaa of oolchuu ni dand’u jennu of oolchuu dandahbanii yeroo arginu, “ani kana fuula duratti…” jechuutu jalqabama. Inni kun immoo dhaloota har’a jirru qofaa irra otuu hin ta’in namoota nu dura turan, gurguddoota namoota Waaqayyoo illee dabalatee qoraa kan ture dha.

Akka cabbii in addaattu!



"Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu, diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu." jedha Waaqayyo. (Isa.1:18).

Mee Viidiyoo kana ilaalaatii yoo isin gargaare nama ni gargaara jettannii yaaddaniifis dabarsaa. Kun immoo isa Faarfataa Kabaa Fidoon "dhaamsa dhamsaan deema labsaa sagalee Gooftichaa isa abbaan moo'ichaa" jedhuu nu yaadachiisa.

Waaqayyo maal sitti dubbate?

Kottaa of yaadachiifnaa!




Gaaf tokko Eeliin dargaggeessa mana Waaqayyo keessa bulee sagalee dhaga’e tokko gaaffii ‘salphaa’ gaafate. ‘salaphaa’ waanan jedheef, isuma dhaga’an dubbachuu waan ta’eef. Gaaffii xiinxallii (analysis) barbaadu gaafate miti. “Waaqayyo maal siittti dubbatee?” jedheen. Namoonni Waaqayyo dubbii isaa booda akka jiru beekan yeroo hundumaa gaaffii kana gaafatu. “Waaqayyo maal jedhee?”