Ergaa Waggaa Haaraa!



Wagaan kun kan gammachuu fi eebbi dhugaan jireenya kee keessatti heddumatu, kan boqonnaa dhugaa itti boqottu, akan abdii haara’ee fi mul’ata jiraatu keessatti horattu sii fi namoota ati jaallatt hundumaaf haa ta’u! [Yoo sitti tole hiriyootaaf firoota jaallattuuf errgaa Waggaa haraa kana dabarsuufiin hin badu].

Yeroo barri tokko bara biraatti darbu, dursees ta’ee isa booda wanti amaleeffatame tokko hojii ofi ilaaluu fi karoora gara fuula duraa baafachuu dha.Mootonnis ta’ee jaarmiyaaleen garagaraa kana gochuun beekamoo dha. “Waggaan darbe bu’aa maalii keessatti buufanne?Maal keessatti kisaarre, tarsiimoo akkamiitu nuuf hojjete? kamtu immoo nurratti hojjete? maal baranne? ...” fi kan biraas yeroo it gaafatamuu fi deebiin itti kennamuu yaalamu dha. Karoorri bara itti aanuus utuu barri inni ‘haaraan’ hin galin ykn akkuma inni jalqabeen ba’a! Kun shaakala gaarii akka ta’e ani illee nan fudhadhadha.

Waaqayyos baroota keessatti gaaffii Inni dhala namaa gaafataa ture keessaa tokko, “dhaabadhaatii karaa keessan ilaalladhaa!” kan jedhu dha. Kana jechuun waa’ee amalaa fi hojii keenyaa ti malee immoo waa’ee karaa isa lafa tokko lafa biraati nu geessuu miti. Waaqayyo akkas jedha,”Amala keessanii fi hojii keessan tolfadhaa, walii wajjin jireenya qajeelaa jiraadhaa!” (Erm.7:5).

Tarii amala akkamiitu nu bira jira laata, fuula Waaqayyoo duratti sirreeffamuun kan isa barbaachisu? Walii keenyaa fi Waaqayyoo wajjinis eessatti wal dhabnee fi wal badnee jirra laata? “Amma sirreeffadhaa!” jedha egaa sagaleen Waaqayyoo!(Efe.4:26) Waamicha jabaa kanatti diddaa agarsiisuun, harka Waaqayyoo keessaa eebba nuuf dhufu jijjiirsisuu ni dand’aa. Gooftaan barootaa akkas jedheera waan ta’eef,”Isin adduma addaan karaa keessan isa hamaa irraa deebi’aatii, jireenya keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa! Kanaa achi ani kunoo waan hamaa isinitti nan fidaa, akeekas isin irratti nan baafadhaa!”(Erm.18:11).

Haa ta’u iyyu malee, warri gara Waaqayyootti deebi’uuf murteeffatan dheekkamsi Waaqayyoo akka hin bobaane gochuu ni danda’u.Yeroo nuti amala keenyaa fi hojii keenya sirreeffannu, yeroo nuti Waaqayyoon Gooftaa keenyaaf abboomamnu, Inni immoo wanta hamaa nu irratti fiduu yaade ni dhiisa!(Erm.26:13).

Waaqayyo du’uu nama cubbamaatti tasumaa hin gammadu. Innuu akkasitti dubbateera,”Maaliif duutuu...? Ani du’a namaatti hin gammadu, kanaaf yaada garaa keessanii geddaradhaatii jiraadhaa!” (Hisq.18:31-32). Egaa bara kana keessattis ta’ee bara baraan jiraachuuf,Waaqayyo karaa/xurree isaa nutti agarsiisaa jira jechuudha.

Egaa barri haaraan, kan keessatti inni gaarii ta’e, fi karoorri jireenyaa akkasumas misooma of keessaa qabu, inni Waaqayyo karaa Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos bakkeetti baase nu raawwatu malee, kan nuti yakkaa fi irra-daddarba keenyaan ulfina keenya salphinatti, eebbba keenya abaarsatti of jalaa geddarsiifnu nu duraa hin ta’in!

Waaqayyo isiin haa eebbisu! Utuma cimuu fi ulfaatuu dubbiftanii as irra ga’uu keessaniif eebba deebi’uu fi Waaqayyoo wajjin walitti araaramuu argachuuf murteeffattan jechuu dha.

[Na ofkalchaa akka keenyeffannuuf jedheen “sii” jedha] Tarii dadhabbii ofii kee kan bara dheeraaf keessatti hidhamte qabaachuu dadeessa. Tariis namoonni haala jireenyi kee keessa jiruu fi seenaa kee kaleessaa ilaalanii karaa sirraa jal’ifatan ta’uu danda’a ta’a. Tarii immoo atumtuu akka waan dheekkamsa Waaqayootiin adabamuuf uumamtetti of lakkkofteetta ta’a. Yaadni Waaqayyoo garu kana irraa adda! Kunoo ani oduu gammachiisaan bara haaraa kana keessatti Waaqayyo biraa siif qaba. Mee qalbifataan ishee kanas dubbifadhu:

Waaqayyo siin guddisee si jaallata. Isaaf waa’ee jireenya kee isa dadhabbii fi hir’ina baay’ee qabuutu haajaadha miti. Isaaf waa’ee garaan kee gara Isaatti deebi’uuf murteeffachuutu dhimma guddaadha malee. Inni garaa kee ilaalu Waaqayyos,”Yoo deebite, sin deebisa!” siin jedha. Kunis, “Sin deebisa, ati fedhii deebi’uu yoo qabaatte, ati du’a jalaa dheessuu/baqachuu barbaadda taanaan” jechuudha. Waaqayyo ammuma siin oolchuuf qophaa’ee jira. Mee baay’ee yeroo hin fudhatiniitii, waan irraa deebi’uu qabduuf amma tarkaanfii tokko jalqabi.

Gooftaan Yassuus,”Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa;ani boqonnaa isiniifan kenna...boqonnaas lubbuu keessaniif in argattuu!”(Mat.11:28-30) jedheera. Har’a iyyuu, keessattuu yeroo amma keessa jirtu kana keessatti, Uumaan kee harka bal’isee si waamaa jira! Barreefamumti kun si dhaqabuun ishii illee, atis dubbiftee as ga’uun kee akka Waaqayyo balbala araaraa siif banee jiru; jireenyi kee immoo Isaaf barbaachisaa akka ta’e kan agarsiisu ta’uu hafaa?

Yaada kee keessatti, “Maal godhu egaa amma? Essaa jalqabu?” jettee yaadda yoo ta’eef gorsa gabaabduu ishee siif kennuun yaala.

1. Carraa deebi’uu siif kennuu Isaatiif Waaqayyoon galateeffadhu! “Yaa Waaqayyoo kiyya, atoo edaa ana hin dhiifne!...” Jedhiin. “Jireenyatti jiraadhee otuun jiruu, iji kiyya dubbifachuu otuu danda’uu, qabliin kiyya hubachuu otuu dandeessuu, yeroo sii wajjin walitti araaramuu waan anaaf qopheessiteef sin galateeffadha!...” jedhii dhugaadhumaan onnee kee irraa Uumaa kee Isa si jaallatu galatteeffadhu!

2. Cubbuu kee Waaqayyotti himadhu. Barootaa fi guyyoota keessatti beektees, utuu hin beekins Waaqayyoo fi namoota gaddisiifte/yakkite, isa jireenya ufii kee irratti iyyuu hameenya adda addaa raawwattee, utuu hin dhoksin Waaqayyootti himii dhiifama gaafadhu.

Kana jechuun, waan Gooftaan si irratti hin beeknetu jiraaf itti himuun barbaachise miti. Garuu garaan namaa gaafa dhugaadhaan waan itti dadhabe himachuu danda’u, gaafa immoo isa itti gaabbe irraa deebi’uuf murteeffatu, humna moo’ichaan jiraachuu argata jedhuudha malee. Kitaabni Qululluun,
”Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu, araara ni argata” jedha(Fak. 28:13)


3. Gooftaan Yasuus gara jireenya kee akka dhufu fi hafuura Hsaatiin waan itti dadhabde hundumaatti akka si gargaaru gaafadhu.

4. Macaafa Qulqulluu argachuu dandeessa taanaan, ammumaa qabii dubbifachu jalqabi. Karoora Waaqayyo jireenya keetiif baases achi keesssaa ni argattaa. Siif Waaqayyo yaada gaarii qaba waan ta'eef!

5. Naannoo jirtutti bakka namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon Waaqeffatan jiran dhaqiitii sagalee Waaqayyoo barachuu fi isattis guddachuuf waan sirraa barbaachisu hundumaa jalqabi.

Tarii Kanumaan dura iyyuu harka kee Gooftaatti kennattee otuu jirtuu, jireenyi kee cubbuudhaa fi karaa malee jiraachuudhaan guutee jira yoo ta’e, harka kee gara Waaqayyo Isa abbaa kee ta’eetti ol qabiitii waadaa kee haareffadhu. Waaqayyoofis kakadhu, Innis kakuu haaraa sii wajjin gala! Hafuurri Qulqulluun dhufee humna moo’ichaa akka siif kennuuf gaafadhu.

Akkasitti balaa dhufuuf jiru jalaa oolla! Raafama/kerkera dachee fi lolaa bishaanii akkasumas lola beekamaa qofaatu balaa miti. Balaa cimaa of keessatti kan baatuu fi kan irratti warraaqsi barbaachisu yoo jiraate cubbuu dha. Seexanni yoo hammam nu jibba ta’e ilee nutti faraduu fi nu ajjeesuuf hin danda’u, garuu nuti cubbuu jalatti kufnee ofuma keenyaa firdii Waaqayyoo jala akka of galchinu yaala. Waaqayyo isa haa ifatu! Nulleen irratti dammaquunis gaariidha.

Rakkoo fi balaa cubbuun namatti fidu siyaassi fi dhaabbileen gargaarsaa, mootummaa fi walta’iin mootota gamtoomanii, waldaa dargagootaa fi waldaan dubartootaatti ijaaramuun, Ogeenyyiin yaala fayyaa fi bulchitoonni biyyaa fi magaalaa hikuu hin danda’an. Cubbuu fi hojii biyya lafaa kan mo’atu danda’u, Kiristoosittii nama baqatee fi Hafuurri Kiristoos isa keessatti kan hojjetu qofa(1Yoh.1:5;4:15).

Tarii, “Maal na godhe cubbuun! Seexannis maal na godhe? Anoo isumaa wajjinan jiraadhaa!” warri jedhan warra bulchaan mootummaa dukkanaa ija isaanii haguugee jiru dha, miliquun akka isaan barbaachisus warra hin hubanne. Gara itti deemsisu wallaalchisee ajjeesuuf deema. Nama akkasiitiin, “Boolla siif qopheessee, Seexanichi itti si oofaa jira; ati illeen gargaartee biraan of gahuuf deemaa jirta tii, mee irratti dammaqi!” jechuun barbaada.

Kun egaa oduu guddaa kan Waagaa haaraa fi guyyoota hundumaa ti.
Waaqayyo eebba Isa beekuu fi Isatti cichanii hafuutiin isinii fi maatii keessan hundumaa haa eebbisu!

Yaadaa ykn gaaffii yoo qabaattan e-mail kanaan na qunnamuu dandeessu: tekluwbs@yahoo.com. Wanti guddaan garuu, Isa waa’ee keessan beekuu fi eenyuun iyyuu caalmaatti isin barbaadu Waaqayyoon dursa qunnamuun ogummaa dha!

Odeeffannoo dabalataatiif, www.wordbloodspirit.ewebsite.com daawwachuu dandeessu!

Baga Waggaa haarayaa geessan! Waggichi kan eebbi jireenyaa fi gammachuun wal irraa hin cinne itti isinii fi mana keessanifis baay’atee haa ta’u!









Dabalataaf http://www.sdhtek.000space.com/lallabawangeelaa.htm daawwadha

No comments:

Post a Comment